Godinichatti gamaaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana tokkoffaa gaggeeffame - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti gamaaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana tokkoffaa gaggeeffame
Onkoloolessa 20/2019(ENA)-Godina Kibba Oromiyaa kilaastara Yaaballoo, Bulee Horaa fi Adoolaatti gamaaggamni raawwii hojii paartii fi mootummaa Kurmaana 1ffaa adeemsifameera.
Sadarkaa pirezedaantii itti aanaatti bulchaa godina kibba oromiyaa obbo Ahmed Haajii gamaaggamichaa irratti yaada kaasaniin, Gamaaggamni kun karooraa fi raawwii madaaluu bira darbee, kallattii imala ce’umsaa qabanne murteessuu keessatti gahee olaanaa kan qabudha jedhaniiru.
Qormaanni keenya karoora gaarii qopheessuu qofa osoo hintaane, kaayyoo isaa ifatti hubachuu, dandeettii raawwii keenya sirnaan qindeessuu, humnoota misoomaa qabnu guutummaatti sochoosuu fi raawwii yeroo gabaabaa galmoota ce’umsaa yeroo dheeraa waliin wal-simsiisuu ture jedhan.
Gamaaggamni kun hanqinoota adda baasuu bira darbee, murtoo sirreeffamaa, itti gaafatamummaa ifaa fi tarkaanfii raawwii irratti waliigaltee uumuu keessatti hiikkoo tarsiima’aa kan qabaatu akka ta’e kaasaniiru.
Tarkaanfiin keenya kamuu dinagdee jabaa uumuu, dhaloota dorgomaa horachuu fi sirna jabaa ijaaruutti kan nubaasu ta'uu qabaata jedhaniiru.
Itti gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa damee Godina Kibba Oromiyaa Obbo Wondimmuu Roobee gamaaggamicha irratti argamuun haasaa taasisaniin, Imalli badhaadhinaa waggoottan jijjiiramaa darban taasifne aarsaa heddu kan gaafatee fi bu'uura utaalchoo kan kaa'e ta'us, gahaadha jedhamuun kan itti quufinsaaf nukaadhimu miti jedhan.
Har'as hiyyummaa, wallaallummaa fi boodatti hafummaa, hoji-dhabdummaa, rakkoo kenniinsa tajaajilaa fi hanni, hundaa'ol ammoo gufuuwwan badhaadhinaa kanneen salphifnee ilaaluun dhimma baldhinaan muldhatudha jechuun ibsaniiru.
Haa ta’uu malee kurmaanota dhufan keessatti dhimmoota sirreeffaman ta'uu eeraniiru.
Itti aanaa bulchaa fi itti gaafatamaa kilaastera misoomaa godina kibba Oromiyaa Obbo Adulaa Hirbaayyee, karoora milkeessuun waadaa galuu qofa miti jedhaaniiru.
Humna qabnu hubachuu fi sirnaan qindeessuu, gufuuwwan mudatan irraa barachuu, hanqina sirreessuu fi bu’aa qabatamaa jireenya ummataa keessatti muldhatu dhugoomsuu, hundaa’ol ammoo ce’umsa sirnaawaa milkaa'aana qabu mirkaneessuu waan ta'eef kana hubannee irratti hojjechuu qabnaa jedhan.