Karoora of-danda'uu qonnaa waggaa shanii qabame milkeessuuf maatiin qonnaa fi qooda-fudhattoonni gahee isaanii bahachuu akka qaban ibsame. - ENA Afaan Oromoo
Karoora of-danda'uu qonnaa waggaa shanii qabame milkeessuuf maatiin qonnaa fi qooda-fudhattoonni gahee isaanii bahachuu akka qaban ibsame.
Onkoloolessa 20/2019(ENA)- Karoora of-danda'uu qonnaa waggaa shanii qabame milkeessuuf maatiin qonnaa fi qooda-fudhattoonni gahee isaanii bahachuu akka qaban hogganaa biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Tashoomaa Boggaalaa himan.
Karoora of-danda'uu qonnaa waggoota shaniif qophaa'e gurmaa'insa godinaalee fi magaalotaa haaraatiin haala hojiirra ooluu danda'uurratti mari'atameera.
Karoorri waggaa shanii bara 2019 - 2023 dhufutti oomisha qonnaa wabii nyaataa mirkaneessan, al-ergee fi galtee industirii ta'an oomishuun of-danda'uu irratti haala pootenshaalaa fi humna raawwachuu godinaalee fi magaalotaarrati hundaa'uun qophaa'e keessatti haala-dureewwan jiranii fi dhimmoota xiyyeeffannoo addaan deeggeramuu qabanirratti mari'achuun qooddiin karooraa gageeffamerratti mari'achuun Komiishinii karooraaf akka dhiyaatuuf waliigalameera.