Imala Seenaa qabeessa Konkolaataawan gaazii uumamaan - ENA Afaan Oromoo
Imala Seenaa qabeessa Konkolaataawan gaazii uumamaan
Itoophiyaan har’aa Awutoobisiiwwan gaazii uumamaan hojjetan hojii eegalchiiste jirti. Konkolaataawwan magaalaa 26 boba'aa irraa gara gaazii uumamaatti jijjiiramuun har'a hojii eegaluu isaanii Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad sirna kanarratti dubbtaniiru. Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin, konkolaataawwan magaalaa boba'aa irraa gara gaazii uumamaatti jijjiiramanii hojii eegaluu isaaniitiin gammachuu guddaa natti dhaga'ame ibsuun barbaada jedhaniiru.
Ji'oottan muraasa darbanitti oomisha gaazii uumamaa bakka oomishamuu irraa gara Finfinneetti geejibsiisuun, buufataalee gaasii qopheessuu fi konkolaataawwan magaalaa gara gaasii uumamaatti jijjiiruu irratti hojii bal'aan hojjetamaa turuusaa ibsaniiru.
Tarkaanfiin seenaa qabeessi kun sharafa alaa guddaa boba'aa bituuf ba'u sadarkaa ol'aanaadhaan kan hambisu ta'uu dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis, baasii tajaajilichaaf ba'u hir'isuun kaffaltii imala lammiilee walakkaan kan salphisu ta'uu ibsaniiru.
Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee gama isaaniitiin adeemsi Kuni tarkaanfii guddaa ta’uu eeruun, baasii geejjibaa fi faalama qilleensaa hir’isuu, yeroo lammiilee qusachuu,akkasuma qabeenya biyya keessaa sirnaan fayyadamuuf kan gargaaru ce’umsa teeknooloojii qabatamaa ta’uu eeraniiru.
Hojiin dandeettii keenyaan eegalame kun yeroo itti aanu caalmaatti cimee itti fufa jechuun ibsaniiru. Awutoobisoonni Gaazii uumamaan socho’an haaraan 400 yeroo dhiyootti gara biyya keessaa kan galan ta’uu kantiibaa Adaanech dubbataniiru.
Gaaziiin uumamaa damee geejjiba dabalatee madda humnaa fi annisaa murteessaadha. Gaaziin uumamaa Mana keessatti nyaata bilcheessuuf, Madda Anniisaa Indaastirii, galtee oomisha xaa’oo, Oomisha Kemikaalaa garagaraaf kan ooludha.
Dabalataanis Paalaastikii, daawwaa fi oomishoota kemikaalaa garagaraa oomishuu keessatti tajaajila gudda kenna. Maashinoota gurguddoo sochoosuuf ni gargaara. akkasumas madda anniisaa qulqulluu waan taa’eef eegumsa qilleensa naannootis bu’a gudda qaba.
Gaasii uumamaa fayyadamuun diinagdee fi anniisaa qulqulluu argachuuf gahee guddaa kan qabu yoo ta’u Itoophiyaan hirkattummaa boba’aa alaa galu hir’iisuufis ni gargaara.
Keessaattu Gaazii uumamaatti fayyadamuun biyya keessatti warshaalee xaa'oo ijaaruun gatii xaa'oo hir'isee oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf carraa guddaa uuma.
Warshaaleef humna anniisa amansiisaa dhiyeessuun invastimantii biyya keessaa fi alaa harkisuuf, akkasumas indaastiriin akka saffisaan guddatuuf bu'uura guddaa dha.
Faalama qilleensaa hir'isuufis faayidaan gaazii uumama bakka gudda kan qabudha.
Walumaagalatti, gaaziin uumamaa Itoophiyaa kun karoora misoomaa biyyattii keessatti damee qonnaa, indaastirii, fi annisaa irratti jijjiirrama guddaa fiduu danda'a jedhame kan itti abdatameedha.
Itoophiyaatti Gaaziin uumamaa hojiirra oomuun imala badhaadhina biyyattii damee hundaan mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba.
hojii misoomaa hojjetamu hunda keessatti dameen geejibaa shoora gudda kan qabu waan ta’eef , kana milkeessuu keesatti damichi gaaziin umamaa biyya keessatti tajaajilaaf ooluun faayidaa hedduu qaba.