Itoophiyaan yakka daangaa cehaa ittisuuf Interpoolii waliin hojjechuu cimsitee itti fufti - Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan yakka daangaa cehaa ittisuuf Interpoolii waliin hojjechuu cimsitee itti fufti - Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el
Onkololessa 20/2019 (ENA): Itoophiyaan yakka daangaa cehaa ittisuuf Dhaabbata Tumsa Poolisii Idil Addunyaa (Interpool) waliin hojjechuu cimsitee itti fufti jedhan Ajajaan Olaanaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el.
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Tumsa Poolisii Idil Addunyaa (Interpol) Vaaldasii Urkiizaa fi jilli isaanii Waajjira Muummee Poolisii Federaalaa Itoophiyaa daawwataniiru.
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa akkaadaamii Intarpoolii Giloobaal kan leenjii qulqullina olaanaa fi sadarkaa isaa eeggate biyyoota miseensa Intarpoolii irraa dhufaniif kennuun beekamu waliin mallatteesseera.
Ajajaan Olaanaan Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammaallash Gabramikaa’el akka himanitti, Yuunivarsiitiin Poolisii Itoophiyaa miseensa ‘Interpol Global Academy Alliance’ ta'eera jedhani.
Barreessaan olaanaa interpool Vaaldaasii Urkiizaa deeggarsa Interpooliin Itoophiyaaf taasisu gahee isaa cimseera jedhani.
Itoophiyaan daldala namaa fi yakkoota daangaa cehaa biroo ittisuuf tattaaffii taasiftu Interpooliin deeggarsa hiika qabu ni taasisa jedhan.
Yuunivarsiitiin Poolisii Itoophiyaa walta’iinsa kana cimsuuf Waliigaltee mallatteesseera.
Itoophiyaan bara 1958 miseensa Intrepool erga taatee as yakkoota daangaa cehan ittisuu, odeeffannoo yakkaa fi ijaarsa dandeettii irratti tumsa olaanaa akka qabdu himaniiru.
Taammiraat Mulugeetaa (PhD) Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Poolisii Itoophiyaa yunivarsiitichi gamtaa Akkaadaamii Giloobaal interpoolitti makamuun milkaa’ina guddaa ta’uu ibsaniiru.
Itoophiyaan istaandaardii idil-addunyaa naannichatti tajaajila poolisii sirrii ta’e akka kennitu dandeessisu ni uumti jedhan.
Kaarikulamiin Yuunivarsiitiin Poolisii Itoophiyaa qopheesse sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii kan argatu ta’uu ibsaniiru.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa