Karoora of danda’uu qixaan hojiirra oolchuun tarsiimoo ittiin hiyyummaa keessaa baanudha -Aadde Miskii Mahaammad - ENA Afaan Oromoo
Karoora of danda’uu qixaan hojiirra oolchuun tarsiimoo ittiin hiyyummaa keessaa baanudha -Aadde Miskii Mahaammad
Onkolooleessa 20/2019 (ENA) - Karoora of danda’uu qixaan hojiirra oolchuun tarsiimoo ittiin hiyyummaa keessaa baanudha jechuun Itti Aantuu Bulchaa fi Itti gaafatamtuun damee misoomaa Godina Bahaa Oromiyaa Aadde Miskii Mahaammad ibsan.
Godina Baha Oromiyaa, Kilaastara Cirootti waltajjiin gamaaggama raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana 1ffaa bara 2019 fi mariin karoora of-danda’uu gaggeeffamaa jira.
Waltajjii gamaaggama kana irratti Itti Aantuun Bulchaa fi Ittigasfatamtuu Damee Misoomaa Godina Bahaa Oromiyaa Aadde Miskii Mahaammad raawwiin hojii hanga ammaa jiru sadarkaa gaarii tahuu isaa ibsuun, kana keessatti dhimmota xiyyeeffannoo barbaadan adda baasuun gara bu'aa olaanaa galmeessuutti ceesisuu danda'uun nurraa eegama jadhaniiru.
Aadde Miskiin akka ibsanitti karoorri of-danda'uu qixaan hojiirra olchuun imala Badhaadhinaa biyyi keenya qabattee hojjechaa jirtu kan milkeessu ta’a jechuun dubbataniiru.
Kunis kan milkaa’u kutannoo fi murannoo hoggansi sadarka sadarkaan jiru karooricha galmaan ga’uuf Potenshaala toora keenya jiru adda baafnee qixaan hojiirra akka oolu yoo gochuu dandeenye qofa ta’uu ibsaniiru.
waliigala karoora hiyyummaa keessaa karaa ittiin baanu humna waloo keenya qindeessuun yoo hojjanne qofaadhas jedhaniiru.
koomunikeeshinii Godinichaarraa