Tamsaasa Kallatti:

Konkolaataawwan Magaalaa 26 boba'aa irraa gara gaazii uumamaatti jijjiiramuun tajaajila eegalan –Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Onkoloolessa 20/2019 (ENA) – Konkolaataawwan magaalaa 26 boba'aa irraa gara gaazii uumamaatti jijjiiramuun har'a hojii eegaluu isaanii Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad beeksisan.

Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin, konkolaataawwan magaalaa boba'aa irraa gara gaasii uumamaatti jijjiiramanii hojii eegaluu isaaniitiin gammachuu guddaan natti dhaga'ame ibsuun barbaada jedhaniiru.


Ji'oottan muraasa darbanitti oomisha gaazii uumamaa bakka oomishamuu irraa gara Finfinneetti geessuun, buufataalee gaasii qopheessuu fi konkolaataawwan magaalaa gara gaasii uumamaatti jijjiiruu irratti hojii bal'aan hojjetamaa turuusaa ibsaniiru.

Tarkaanfiin seenaa qabeessi kun sharafa alaa guddaa boba'aa bituuf ba'u sadarkaa ol'aanaadhaan kan hambisu ta'uu dubbataniiru.

Itti dabaluudhaanis, baasii tajaajilichaaf ba'u hir'isuun kaffaltii imala lammiilee walakkaan kan salphisu ta'uu ibsaniiru.


 

Konkolaataawwan boba'aadhaan hojjetan dandeettii ofitiin gara gaasii uumamaatti jijjiiruun, dandeettii keessoo fi ce’umsa teeknoolojii qabatamaan kan mirkaneesse ta'uu ibsaniiru.

Gara fuulduraattis hirkatumma boba'aa irratti qabnu guutummaatti hambisuu fi gaasii uumamaa biyya keessatti oomishamu bal'inaan hojii irraa oolchuuf kan gargaaran konkolaataawwan haaraa gaasii uumamaatiin hojjetan 400 dhiyeenyatti gara biyya keessa kan galan ta'uu eeraniiru.

dameewwan nyaataan , mana jireenyaa fi geejjiba irratti hojiilee qabatamaa hojjechuudhaan jireenya lammiilee irratti jijjiirama bu'uuraa fiduuf carraaqqiiwwan jajjabeessoon eegalaman cimanii kan ittifufan ta'uu ministirri Muummee mirkaneessaniiru.

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015