Tamsaasa Kallatti:

Har’a Awutoobisoota boba’aarraa gara Gaazii Uumamaatti jijjiiraman 26 hojii eegalchiifne – Kantibaa Adaanech Abeebee

Onkololeessa 20/ 2019 (ENA) – Har’a Awutoobisoota magaalaa boba’aarraa gara Gaazii Uumamaatti jijjiiraman 26 hojii eegalchiifneerra jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.


Kunis tarkaanfii guddaa ta’uu eeruun, baasii geejjibaa fi faalama qilleensaa hir’isuu, yeroo lammiilee qusachuu,akkasuma qabeenya biyya keessaa sirnaan fayyadamuuf kan gargaaru ce’umsa teeknooloojii qabatamaa ta’uu eeraniiru.

Hojiin dandeettii keenya eegalame kun yeroo itti aanu caalmaatti cimee itti fufa jechuun ibsaniiru.

Awutoobisoonni Gaazii uumamaan socho’an haaraan 400 yeroo dhiyootti gara biyya keessaa kan galan ta’uu dubbataniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015