Tamsaasa Kallatti:

Miidiyaalee naannoo Tigraayi Moggaasa haaraan hojii eegalaniif leenjiin gabbisa dandeettii fi deeggarsi teekniikaa ni taasifamaaf

Onkoloolessa 20/2019 (ENA) – Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa miidiyaalee naannoo Tigraayi moggaasa haaraan hojii eegalaniif leenjii gabbisa dandeettii fi deeggarsa teekniikaa akka taasisu ibse.

Abbaan taayitichaa miidiyaalee tajaajila biroodkaastii Ma’idoot fi tigraayi miidiyaa korporeeshiniif deeggarsa kan taasisu yoo ta’u, deeggarsi taasifamu seerota biyyattii, ijaarsa nageenyaa, faayidaa biyyaalessaa, seera miidiyaa fi ogummaa fi naamusa gaazexeessummaarratti kan xiyyeeffatu akka ta’u ibseera.

Abbaan taayitichaa deeggarsa kan taasisu akkaataa aangoo fi itti gaafatama lakk. Labsii 1238/2013 kennameefiin kan raawwatu yoo ta’u, miidiyaaleen kunneen nagaa fi tasgabbii naannichaaf akkasumas sagalee ummataa ta’uun hojii gaarii akka hojjetaniif deeggaruuf ta’uu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015