Tamsaasa Kallatti:

Oomisha bunaa guddisuun gamatti qulqullinasaa eegsisuun gabaa addunyaaf dhiheessuuf hojjechaa jirra – oomishtoota

Onkoloolessa 20/2019 (ENA) – Oomishtoonni Bunaa godina kibba lixa Oromiyaa oomisha bunaa guddisuun gamatti qulqullinasaa eegsisuun gabaa addunyaaf dhiheessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsan.

Itiyoophiyaan bakka argama Bunaa fi oomisha Bunaatiin Afriikaarraa dursituu ta’uusheetiin,Bunni argannoo sharafa alaa biyyattiif, carraa hojii uumuu fi guddina dinagdeef bu’uradha.

Oomishtoonni Bunaa godina kibba lixa Oromiyaa Buna qulqullinaan oomishuun Buna Itiyoophiyaa dandeettii dorgommii idil addunyaarratti qabukan guddisuu fi jireenyasaanii kan fooyyessu tarkaanfii cimaadha.

Oomishtoota Bunaa godinichaa keessaa obbo Fayisal Abbaamaccaa, waggaa waggaan Buna toonii kuma 90 qulqullinaan walitti qabuun toonii kuma 3 fi 300 ol gabaa alaaf akka dhiheessan dubbataniiru.

Bara kanas buna qulqullinaan oomishuun gabaa alaaf dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Dureessi godinichaa obbo Abudaayid Shariif gamasaaniin, Buna qulqullinaan oomishaa jiraachuu eeraniiru.

Baranas buna ispeeshaaliitii toonii 19 gabaa addunyaaf dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Qulqullina Bunaa eegsisuuf bu’urarraa kaasee hojjechuun akka barbaachisu eeraniiru.

 Dargaggoo Abdallaa Abbaamaccaa fi Seeyifuu Hasan carraa hojii Obbo Abudaayid uumanitti kanneen fayyadaman keessaayyu.

Dargaggoonni kun hojiitti galuun dura leenjiin ogummaa kennamuufii dubbataniiru.

Waajjira qonnaa godina kibba lixa Oromiyaatti itti gaafatamaan itti aanaa damee bunaa, shaayee, kuduraa fi muduraa obbo Miftaah Gaalii gamasaaniin, qulqullina Bunaa
eegsisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hirmaattota damee kanaaf leenjii ogummaa kennuurra darbee sakatta’insi qulqullina bunaa raawwatamaa jiraachuu eeraniiru.

 Bara kanas godinicharraa buna toonii kuma 195 fi 118 gabaa alaa fi biyya keessaaf dhiheessuuf karoorfamee, kana keessaa toonii kumaa 44 fi 826 buna dhiqame, tooniin kuma 150 fi 292 ammoo buna gogaa ta’uu dubbatAniiru.

Godinichatti warshaaleen buna qiqindeessan 620 akka jiran eeranii, kanneen keessaa 403 buna diimaa gabaaf dhiheessuuf qopheessuurra akka jiran ibsaniiru.

Bulchaan godina kibba lixa Oromiyaa Dr. Rashaad Kamaal, godinichi bakka bunni baay’inaan keessatti oomishamu ta’uusaatiin buna baay’inaan oomishuun gamatti, qulqullinasaa eeguurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsuunsaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015