Karoorri of danda'uu dinagdee humneessuun birmadummaa Dinagdee mirkaneessa – Obbo Mokkonnon Baay'isaa - ENA Afaan Oromoo
Karoorri of danda'uu dinagdee humneessuun birmadummaa Dinagdee mirkaneessa – Obbo Mokkonnon Baay'isaa
Onkoloolessa 20/2019 (ENA)-- Karoorri of danda'uu Dinagdee humneessuun Birmadummaa Dinagdee mirkaneessa jedhan itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Giddugaleessa Oromiyaa Obbo Mokkonnon Baay'isaa.
Godina Giddugaleessa Oromiyaa Magaalaa Ambootti Seektaroota sadarkaa Godinaa,Magaalaa fi Aanaalee waliin gamaggama raawwii hojii kurmaana tokkoffaa Paartii fi Mootummaa gaggeeffamaa jira.
Gamaggamni raawwii hojii kurmaana 1ffaa gaggeeffamu kun raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana tokkoffaa irratti hojjetamaa ture cimina jiru itti fufsiisuun hanqina jiru irratti xiyyeeffatamee akka hojjetamuuf ta'uun ibsameera.
Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa damee Godina Giddugaleessa Oromiyaa Obbo Mokkonnin Baay'isaa hoggansi tokko hogganaa jechuuf gaaffii uummatasaa yoo debise jechuun himanii poteenshaala Godinichi qabu beeknee karoorfannee jiruuf jireenya uummataa jijjiruutu nurraa eegamaa jedhaiiru.
Koomunikeeshinii Godinichaarraa