Tamsaasa Kallatti:

Jilli Barreessaa Olaanaa Interpool Valdesiy Urkiizaan durfamu daawwannaa hojiitiif Finfinnee dhufan

Onkoloolessa 20/2019 (ENA) Jilli Barreessaa Olaanaa Interpool Valdesiy Urkiizaa'n durfamu daawwannaa hojiitiif Finfinnee galaniiru.


 

Jilli kun Buufata Xiyyaara Idil-Aaddunyaa Boolee yeroo ga'u, Komiishineera Jeneraala Poolisii Fedeeraalaa Itoophiyaa Demmallaash Gabramadinii fi Pirezedaantii Yuunivarsiitii Poolisii Itoophiyaa Doktaar Taammiraat Mulugeetaatiin simannaan taasifameefera.

Jilli kun turtiisaatiin Buufata Qajeelcha olaanaa Poolisii Feedeeraalaa Itoophiyaatti daawwannaa hojii ni taasisa.

Dabalataanis , Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa leenjii sadarkaa isaa eeggatee fi qulqullina olaanaa qabu biyyoota miseensa Interpooliif kennuudhaan kan beekamu Akkaadaamii Idil-Aaddunyaa Interpool (Interpol Global Academy) waliin waliigaltee (MoU) mallatteessa jedhamee eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015