Oromiyaan waktii hunda hojii misoomaatiin fuulduratti ariitiin tarkaanfataa jirti – Tajaajila Komnikeeshinii Oromiyaa - ENA Afaan Oromoo
Oromiyaan waktii hunda hojii misoomaatiin fuulduratti ariitiin tarkaanfataa jirti – Tajaajila Komnikeeshinii Oromiyaa
Onkololeessa 20/2019 (ENA)-- Oromiyaan waktii hunda hojii misoomaatiin fuulduratti ariitiin tarkaanfataa jirti jedhe Tajaajila Kominikeeshiini Oromiyaa.
Tajaajilichi Qabeenya uumamaa sirnaan fayyadamuun misooma jallisii babal'isuu, oomisha qonnaa guddisuu fi lafa qonnaa gara oomisha olaanaatti jijjiiruun badhaadhina waaraa mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedheera.
Hojileen misoomaa kunneenis bonaa fi ganna, magaalaa fi baadiyyaatti itti fufinsaan gaggeeffamaa jira.
Kunis imala Oromiyaa oomishaan of dandeessee badhaadhina hundagaleessa mirkaneessitu ijaaruuf taasifamuu ta’uus kaasera.
Yeroo amma kanas oomisha gannaan misoome walitti qabaa, qonni Jallisii bonaa gaggeeffamaa akka jiruus ibseera.