Dinagdee Ummata Oromoo guddisuuf Aadaa qusannaa fi liqii gabbifachuu qabna –aadde Miskii Mohaammed - ENA Afaan Oromoo
Dinagdee Ummata Oromoo guddisuuf Aadaa qusannaa fi liqii gabbifachuu qabna –aadde Miskii Mohaammed
Onkoloolessa 20/2019 (ENA) Dinagdee Ummata Oromoo guddisuuf Aadaa qusannaa fi liqii gabbifachuu qabna jechuun Itti Aantuun Bulchaa fi Itti gaafatamtuun damee misoomaa Godina Baha Oromiyaa Aadde-Miskii Mohaammed ibsan.
Manni Marii Baankii Sinqee Godina Baha Oromiyaa raawwii karoora kurmaana 1ffaa bara 2019 Magaalaa Hararitti qorateera.
Waltajjii kana irratti itti aantuun Bulchaa fi Ittigaafatamtuun damee misoomaa Godina Baha Oromiyaa Aadde Miskii Mohaammed dabalatee ,Darektarri Baankii Siinqee Distriktii Dirree Dawaa Obbo Mangistuu Wandimmuu,Manaajarri Baankii Siinqee Kilaastara bahaa obboo Bilisummaa Yusuuf , Manaajarri Baankii Siinqee Kilaastara Lixaa obbo Aliyyii Saburii fi manaajarri dhiyeessa liqii fi deebii liqii distiriktii Dirree Dawaa obbo Awwal Qamar hirmaachuun mari'atameera.
Itti Aantuun Bulchaa fi Itti gaafatamtuun Damee Misoomaa Godina Baha Oromiyaa Aadde Miskii Mahammad Baankiin Siinqee wirtuu dugdaa dinagdee ummata Oromooti jechuun dinagdeen uummata gahoomsuuf shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru.
Ummata Oromoo dinagdeen gahoomsuuf Aadaa Qusannee Liqii fudhachuu fi Liqii fudhanne deebisuu gabbifachuu qabna jedhaniiru.
Kaayyoon waltajjii mana marii Baankii Siinqee kanaa kurmaana 1ffaa kana akkamitti Qusachiifnee liqii kenninee, liqii deebisisaa akka jirru ,Carraa hojii uumaa jirra jedhu gabaasni dhiyaatee hanqinoota fi ciminoota adda bahan irratti mari'achuun kallattii milkaa'ina hojii fuula duraa kennuuf ta'uu ibsaniiru.
Waltajjii kanaan gabaasni Raawwii karoora hojii kurmaana 1ffaa Baankii Siinqee Manaajara Baankii Siinqee Kilaastara bahaa obboo Bilisummaa Yusuufiin dhiyaatee hanqinootaa fi cimoota irratti erga Mari'atame booda, kallattii milkaa'ina hojii fuula duraa kennamuun goolabameera.koomunikeeshinii Godinichaarraa