Tamsaasa Kallatti:

Ibsa Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaatiin kenname 

Ibsaa Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa kenneen, hayyamni tajaajila biroodkaastii " Tajaajilli Raadiyoo fi Televiziyoinii dimtsi Wayyaanee’jedhamu kanaan dura abbaa taayitichaan haqamee ture, amma "Tajaajila Biroodkaastii Ma’adoot" jedhuun maqaa haaraadhaan hayyamni tajaajila biroodkaastii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaatiin kennameefiira.

Tajaajila Raadiyoo fi Televiizyinii dimtsi Wayyaanee ilaachisuun, Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa aangoo fi Itti gaafatamummaa Labsii Lakkoofsa 1238/2013-tiin kennameefiin hordoffii fi to’annoo taasiseen, Tajaajilli Raadiyoo fi Televiizyinii dimtsi Wayyaanee , qabiyyee labsii miidiyaa wajjin wal faallessan karaa seeraan alaa tamsaasee argamuun isaa kan yaadatamuudha.

Haa ta'u malee, bulchiinsi Imaanaa naannoo Tigraay; tajaajilichi maqaa kanaan dura " Tajaajilli Raadiyoo fi Televiizyinii dimtsi Wayyaanee’’ jedhamaa ture meeshaa waraanaa ta'ee tajaajiluun isaa waan hubatameef hayyamni isaa haqamuu isaa yaadachiiseera.

Haa ta'u malee bulchiinsi Imaanaa amma naannichaa gaggeessu nagaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuun akkasumas sagalee uummataa ta'uun gumaacha gaarii akka taasisuuf jijjiirrama maqaa "Tajaajila Biroodkaastii Ma’adoot" jedhuun jijjiiramee hayyamni akka kennamuuf gaaffii dhiyeesseera.

Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa labsii miidiyaa irraa ka'uun qoratee gaaffichi fudhatama qabaachuu isaa amanuun fudhateera.

Kanaaf, Abbaan Taayitichaa tajaajila Biroodkaastii Ma’adoot jedhuun hayyama tajaajila biroodkaastii haaraa kennuu isaa ibsaa, qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi tajaajila biroodkaastichaaf deeggarsa barbaachisaa akka taasisan Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa waamicha dhiyeessa.

#EMA

#Ethiopia

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015