Tamsaasa Kallatti:

Manneen Hojii Mootummaa aangoo fi ergama Mana Hojichaaf kenname hubatanii raawwii Karoora Of-danda'uu Milkeessuuf hojjechuu qabu -Afa-yaa’ii caffee Oromiyaa Abdusalaam Waariyoo

Onkololeessa 19/2019 (ENA) Manneen Hojii Mootummaa aangoo fi ergama Mana Hojichaaf kenname hubatanii raawwii Karoora Ofdanda'uu Milkeessuuf hojjechuu qabu jechuun Afa-yaa’iin Caffee Oromiyaa Abdusalaam Waariyoo dubbatan.


 

Raawwiin karoora of danda'uu haala baratameen osoo hin taane xiinxala bilchina qabuufi galmootaafi ergama mana hojichaa giddu gala godhachuun hanga fayyadamummaa ummataa mirkaneesseen madaalama jechuun Afa-yaa'iin Caffee Oromiyaa Abdusalaam Waariyoo ibsaniiru.

Akkasumas, Manneen hojii dhimmoota tarsiimawaa irratti xiyyeeffachuun galmoota karoora ofdanda'uu dhugoomsuu akka qaban Koreewwan Dhaabbii Caffee hordoffiifi to'annoo bu'a qabeessa ta'e gaggeessuu akka qabanis hubachiisaniiru.


Itti AantuunAfa-yaa'ii Caffee Oromiyaa Zamzam Shaalloo Manneen hojii sadarkaan jiran duubdeebii kennamuuf fudhatanii yeroo itti aanutti sirreessuufi hordoffiifi to'annoo dirreetti taasifamuun mirkanaa'aa deemuu akka qabu dubbataniiru.

Koreewwan Dhaabbii Caffee milkaa'ina Karoora Of-danda'uu baheef qoofa isaanirraa eegamu adda durummaan bahachuu akka qaban ibsaniiru. Hordoffii fi to'annoon taasifamus dhimmoota kanneen giddu gala godhachuu akka qabu Koreewwan Dhaabbii Caffee waliin marii taasisan keessatti akeekanii jiru.

Madda Caffee oromiyaarraa

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015