BRICS Afrikaa waliin tumsa industirii cimsuuf hojmaattota haaraa ifoomsite - ENA Afaan Oromoo
BRICS Afrikaa waliin tumsa industirii cimsuuf hojmaattota haaraa ifoomsite
Onkololeessa 19/2019 (Ira) -BRICS tumsa industirii Afrikaa waliin qabdu cimsuuf hojmaattota haaraa ta’an ifoomseera.
Kun kan ibsame Yaa’ii Ruusiyaa-Afriikaa 3ffaa Moskootti mata duree “Waltajjiin BRICS guddina tumsa daldalaa Ruusiyaa fi Afrikaa” jedhuun qophaa’e irrattidha.
Ministirri misooma diinagdee Raashiyaa Maksim Reshetniikov, BRICS biyyoota Afrikaatiif gabaa banaa ta’uu bira darbee, teeknooloojii, oomishaalee industirii fi invastimantii dhiyeessuufis akka tajaajilaa jiru ibsaniiru.
Akka ibsa ministirichaatti, sirnoota haaraa qophaa’aa jiran keessaa tokko tokkoon isaanii Gamtaa Naannolee Dinagdee Addaa fi Dhaabbata Waljijjiirraa Daldala Midhaanii (Grain Exchange) kanneen jedhaman ni argamu.
Kana malees, ministiroonni industirii biyyoota miseensota BRICS, damee industirii keessatti dijitaalaayizeeshinii fi tumsa teeknooloojii guddisuuf bu’uura tumsa waliinii diriirsuuf yaada dhiyeessuu isaanii gabaasni TV BRICS ni mul’isa.
Reshetniikov itti dabaluunis, BRICS yeroo ammaa tumsa isaa marii siyaasaa qofa irratti daangessuu dhiisee, gara sagantaalee bu’aa qabatamaa argamsiisanitti jijjiiruuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Akkasumas, mootummoonni gufuuwwan tumsa daldalaa fi industirii gufachiisan akka kaasan gaafataniiru.
Hawaasni daldalaa sirnoota haaraa kana bu’a qabeessa taasisuu keessatti gahee murteessaa akka qabuus hubachiisaniiru.
Waltajjicharratti, biyyoota Afrikaa adda addaa fi Ruusiyaa gidduutti naannolee tumsa industirii uumamuun walitti dhufeenya fi hariiroo dinagdee gama lamaan cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsameera.
Bu’uuraalee misoomaa, geejjibaa, loojistikii, anniisaa fi nageenya saayibarii irratti pirojektoota bu’aa qabatamaa argamsiisan waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uunis waltajjicharratti irratti mari’atameera.
Biyyoonni miseensota BRICS ta’an sirna kaffaltii walaba ta’e diriirsuu, invastimantii hawwachuu fi haala mijataa uumuu fi tumsa industirii isaanii babal’isuuf hojjechaa akka jiranis ibsameera.
Dabalataanis, dura taa’aan waltajjichaa fi Daayirektarri Inistiitiyuutii Qorannoo Afrikaa kan Akkaadamii Saayinsii Ruusiyaa Irina Abramova, yeroo ammaa barattoonni Afrikaa kuma 37 ol ta’an Ruusiyaa keessatti barnoota isaanii hordofaa akka jiran ibsuu isaanii odeeffannoon TV BRICS ni mul’isa.