Tamsaasa Kallatti:

Hariiroon Itoophiyaan Galaana Diimaa wajjin qabdu bu'aa qindoomina seenaa, dinagdeefii Jii’oopolotikaati

 

Onkoloolessa 19/2019 (ENA) Hariiroon Itoophiyaan Galaana Diimaa wajjin qabdu bu'aa qindoomina seenaa, dinagdee fi jii’oopolotikaati jedhan hayyoonni seenaa fi saayinsii siyaasaa Yuunivarsiitii Jimma.

Walitti hidhaminsi seenaa, jii’oopolotikaa fi dinagdee Itoophiyaan Galaana Diimaa wajjin qabdu kan dhalootaa dhalootatti ce'ee fi bu’uura guddina biyyattii ta'ee tureera.

Ta'us, haalawwan seenaa keessa turanii fi shira irratti raawwatameen biyyattiin hula galaanaa uumamaa qabdu ture akka dhabdu ta’eera.

Yuunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa fi qorataan maandisa qabeenya bishaananii Dr.Daawud Tamaam bara qaroomina Aksumitti Itoophiyaan karaa hulaa Adulisiin kutaa addunyaa garagaraa wajjin hariiroo daldalaa qabaachaa turuushe eeraaniiru.

Faayidaan tarsiimawaan Galaana Diimaa daldala addunyaa fi nageenya naannichaa wajjin kan walqabatu waan ta'eef, Itoophiyaan daandii daldala murteessaa kana wajjin hariiroo qabdu cimsuunii fi hulaa galaanaa argachuun ishee hirmaannaa riijiniif faayidaa guddaa kan qabu ta'uu hubachiisaniiru.

Galaana Diimaa waljijjiirraa daldala addunyaatiif baay’ee murteessaa ta’uu kan eeran hayyuun kun hirmaannaan biyyoonni riijinichaa humna waraanaa fi dinagdee qabaniif faayidaa tarsiimo’aa kan agarsiisudha jedhaniiru.

Itoophiyaan hirmaannaa daldala addunyaa keessatti qabdu guddisuuf, dhiibbaa naannichatti qabdu cimsuufi faayidaa dinagdee ishee eegsisuuf Hulaa Galaanaa argachuun ishee barbaachisaa fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta'uusaa ibsaniiru.

Yuunivarsiitii Boongaatti barsiisaa fi qorataan seenaa Salamoon Kidaanee gamasaaniin, Itoophiyaan hulaa galaanaa dhabuu isheen daldalli Al-ergee fi Alaa galuuf bu'uuraan hulaa galaanaa biyyoota biraa irratti akka hirkatu taasiseera jedhaniiru.

Kunis dhimma hulaa galaanaa argachuu dhimma nageenya biyyaalessaa fi dinagdee ta’ee akka turuusaa ibsaniiru.

Itoophiyaan ummata miliyoona 130 ol qabdu dhiibbaa dinagdee fi siyaasa gaanfa Afrikaa keessatti qabduun hulaa galaana argachuun ishee hariiroo daldalaa fi guddina isheetiif barbaachisaa ta'uu eeraniiru.

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015