Magaalaa Shaggaritti karoora nyaataan of danda’uu milkeessuuf oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffatameera - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Shaggaritti karoora nyaataan of danda’uu milkeessuuf oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffatameera
Onkoloolessa 19/2019 (ENA) - Magaalaa Shaggaritti karoora nyaataan of danda’uu milkeessuuf oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffatameera.
Magaalaan Shaggar naannoo Oromiyaatti guddinni magaalaa si’ataa fi naannawoota baay’inni ummataa keessatti dabalaa jiru keessaa tokkodha.
Magaalichi bakkeewwan gama tokkoon amaloota magaalaa fi gama tokkoon amaloota baadiyyaa qaban of keessatti kan qabate waan ta’eef, misooma qonnaa guddina magaalaa waliin walitti hidhuun gaggeessuun barbaachisaa ta’eera.
Fedhii nyaataa ummataa fulla’insaan guutuu fi qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf inisheetiivonni qonnaa garagaraa qama mul’ata nyaataan of danda’uu sadarkaa biyyaalessaa fi naannoo ta’an hojiirra oolaniiru.
Guyyaa har’aas magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Malkaa Noonnoo, hoggantoonni sadarkaa garagaraan jiranii fi qonnaan bultoonni bakka argamanitti inisheetiivonni misooma qonnaa garagaraa fi badhaadhina maatii bakka argamanitti daawwannaan oyiruu taasifameera.
Kantiibaan magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa, paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira dame magaalaa Shaggar obbo Alamaayyoo Tulluu, akkasumas hoggantoonni magaalaa fi kutaa magaalaa daawwannaa oyiruu irratti argamaniiru.
Daawwannaa Kanaan inisheetiivonni horsiisa lukkuu, misoomni kilaastaraa Garbuu fi Qamadii, horsiifni saawwan aannanii, kilaastarri Muuzii fi sanyii Garbuu filatamaa baay’isuu daawwatameera.