Magaalaa Maayaatti karoora ofdanda’uu waggoota shanan dhufanii milkeessuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama – Dr. Ifrahaa Waziir - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Maayaatti karoora ofdanda’uu waggoota shanan dhufanii milkeessuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama – Dr. Ifrahaa Waziir
Onkoloolessa 19/2019(ENA) - Magaalaa Maayaatti karoora ofdanda’uu waggoota shanan dhufaniif qophaa’e bu’uura godhachuun qabeenya uumamaa sirnaan fayyadamuu fi dinagdee dameewwan garaagaraa irratti hundaa’e cimsuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu Kantiibaan Magaalaa Maayaa, Dr. Ifrahaa Waziir ibsan.
Dr. Ifrahaan Waziir ENAtti akka himanitti, karoorri of danda’uu kun hanqinoota raawwii karoora xiiqii keessatti mul’atan furuufi ciminoota galmaa’an itti fufsiisuun badhaadhinaafi birmadummaa dinagdee biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Karooricha milkeessuuf oomisha tokko irratti qofa xiyyeeffachuu osoo hin taane, hojiiwwan misoomaa dameewwan garaagaraa irratti bobba’uun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Keessumaa, of danda’uun sadarkaa maatii irraa eegaluun akka qabu eeranii, maatiin hundi qabeenya, ogummaafi dandeettii qabu sirnaan fayyadamuun maddoota galii garaagaraa uumuu akka qabu hubachiisaniiru.
Kanaafis, mala qonnaa ammayyeessuu, misooma qonna magaalaa keessatti hirmaachuu, ogummaa garaagaraa gabbifachuufi hojiiwwan galii maddisiisan irratti bobba’uun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Dabalataan, carraa hojii barbaachaaf asii fi achi deemuu irraa gara carraa hojii ofii uumuu fi namoota biroof uumuutti ce’uun karoora of danda’uu milkeessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Ogummaa gabbifachuun industiriiwwan xixiqqaa hundeessuufi humna waloo ijaaruun sadarkaa maatii, ganda, aanaa, kutaa magaalaafi magaalaatti of danda’uu mirkaneessuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.
Akka Dr. Ifrahaan ibsanitti, Magaalaan Maayaa karoora kana milkeessuuf haaldureewwan mijatoo qabdi.
Isaan keessaa uummata bal’aa misoomaaf qophaa’ee fi ofitti amanamummaa qabu, akkasumas caasaalee mootummaa qormaataafi rakkoolee garaagaraa keessa darbanii milkaa’ina galmeessisuu danda’an qabaachuun kanneen ijoodha.
Kana malees, muuxannoon gaariin karoora xiiqii waggoota lamaan darban keessatti hojiirra oolchuun argame, karoora of danda’uu kana milkeessuuf bu’uura cimaa ta’uu ibsaniiru.
Haa ta’u malee, hanqinoota adeemsa raawwii keessatti mudachuu danda’an dursanii adda baasuun furmaata itti kennuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Karoora of danda’uu kana keessatti galii dabaluun, dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuun, akkasumas qabeenya uumamaafi carraawwan misoomaa Magaalaan Maayaa qabdu guutummaatti fayyadamuun xiyyeeffannoo olaanaa kan argatan ta’uu himaniiru.
Keessumaa, oomishaafi oomishtummaa guddisuun, oomishaalee naannawaatti argamanitti fayyadamuufi dinagdee dameewwan garaagaraa irratti hundaa’e cimsuun hojiiwwan xiyyeeffannoon irratti hojjetaman ta’uu ibsaniiru.
Karoorri of danda’uu kun sadarkaa waraqaa irratti qofa kan hafu osoo hin taane, gara hojii qabatamaatti jijjiiramuun badhaadhinaafi birmadummaa dinagdee biyyaa mirkaneessuuf kutannoon kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Kanaafis karooricha milkeessuuf hawaasa Magaalaa Maayaa fi qooda fudhattoota hunda bira ga’uun hubannoo walfakkaataa uumuufi hirmaannaa hawaasaa cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Kantiibaan Magaalaa Maayaa, Dr. Ifrahaa Waziir ibsaniiru.