Ruuziin dinagdee ittiin fooyyeffachuu qofa osoo hin taane, oomisha birmadummaa biyya keenyaa kabachiisedha - ENA Afaan Oromoo
Ruuziin dinagdee ittiin fooyyeffachuu qofa osoo hin taane, oomisha birmadummaa biyya keenyaa kabachiisedha
Onkololessa 18/2019(ENA): Ruuziin dinagdee ittiin fooyyeffachuu qofa osoo hin taane, oomisha birmadummaa biyya keenyaa kabachiisedha jedhan qonnaan bultoonni Godina Lixa Oromiyaa.
Qonnaan bultoonni Godina Lixa Oromiyaa Aanaa Hawaa Galaan Ruuzii alaa galu biyya keessatti oomishuun, wabii nyaataa mirkaneeffachaa jirra jedhan.
Qonnaan bultootni kunniin Inisheetiivii Ruuzii kilaastaraan oomishaa jiran irraa fayyadamoo ta'aa jiraachuus himaniiru.
Karoora Mootummaan oomisha alaa galan hambisuun biyya keessatti oomishuuf qabatee jiru milkeessuuf kilaastaraan Ruuzii misoomsuun fayyadamoo ta’uus dubbataniiru.
Kanaanis aadaan qusannaa keenya gabbisuun diinagdeen keenya utubamaa waan jiruuf hojii oomisha ruuzii kana kan baroota darbaniirra dachaan dabaluun bal’ifnee hojjechaa jirras jedhan.
Aanaa Hawaa Galaanitti bara kana Ruuzii lafa hektaara Kuma 16 ol irratti misoome irraa callaa kuntaala Kuma 74 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu, Bulchaa Itti Aanaafi Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaafi lafaa Aanichaa obbo Taarikuu Ittafaa himaniiru.
Ruuziin misoomaa jiru kunis rooba yeroo maleetiin akka hin qisaasamneef qonnaan bultoonni waqtii isaa eeganii sassaabbachuu akka qabanis dhaamaniiru.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links