Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Tigraayitti daldalaa jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jira

Naannoo Tigraayitti daldalaa jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jira

Onkololeessa 17/2019 (ENA)-Naannoo Tigraayitti daldala jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jiraachuu itti gaafatamaan olaanaa dhimma dinagdee fi deebisanii ijaaruu yeroo Ce’umsaa mootummaa federaalaa naannichaa Dr. Tewodiroos Aragaay ibsan.

Naannichatti nageenyi akka mirkanaa’uu fi hojiiwwan deebisanii ijaaruu akka ciman mootummaan federaalaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Itti gaafatamaan olaanaa dhimma dinagdee fi deebisanii ijaaruu bulchiinsa yeroo ce’umsaa mootummaa federaalaa naannoo Tigraay Dr. Tewodiroos Aragaay har’a ENA’f akka ibsanitti, bulchiinsi yeroo ce’umsaa naannichatti erga hundeeffamee kaasee caasaalee hawaasummaa, dinagdee fi daldalaa miidhaman deebisanii ijaaruu fi rakkoolee uumaman furuuf ummanni jireenya isaa idilee akka itti fufuuf carraaqqiin guddaan taasifamaa jira.

Sababa garee seeraan alaa ABUT’n dhaabbileen tajaajila idilee kennanii fi bu’uraaleen misoomaa yeroo dheeraaf addaan citanii turan gara hojii idileetti deebi’uu Dr. Tewodiroos ibsaniiru.

Caasaalee mootummaa garee seeraan alaa ABUT’n diigaman deebisanii dhaabuu fi tajaajila ummataa itti fufsiisuuf qindeessitoota yeroo ramaduun cimee itti fufuu ibsaniiru.

Naannichatti sochiin gabaa akka jabaatuu fi dhiyeessiin nyaataa fi meeshaaleen nyaataan walqabatan akka guutamuuf bulchiinsi yeroo ce’umsaa hawaasa daldalaa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Kanaanis hanqinni dhiyeessii jiru suuta suutaan furamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa kana waltajjiiwwan hubannoo uummataa cimanii itti fufuu Dr.Tewodiroos ibsanii, fedhii fi gaaffieen ummataa waltajjiiwwanirratti kaafaman bu’ureffachuun deebiin kennamaa akka jiru ibsaniiru.

Dhiyeessii meeshaalee barbaachisoo guutuu, sochii daldalaa jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf abbootii qabeenyaa, baankotaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamuu isaanii ibsaniiru.

Yeroo ammaa kana meeshaaleen nyaataa fi oomishaaleen nyaataan walqabatan gara naannichaa galamaa jiraachuus eeraniiru.

Bulchiinsa magaalaa Maqaleetti adeemsi baruu fi barsiisuu jalqabame naannichatti iddoowwan hundatti akka jalqabamuuf qophiin barbaachisaan taasifamaa jiraachuus Dr. Tewodiroos ibsaniiru.

Naannoo Tigraayitti nageenyi akka cimuu fi hojiiwwan deebisanii ijaaruu akka jabaatan mootummaan federaalaa xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015