Buna sanyii fooyya'aa misoomsuun irraa fayyadamaa jirra -Qonnaan Bultoota - ENA Afaan Oromoo
Buna sanyii fooyya'aa misoomsuun irraa fayyadamaa jirra -Qonnaan Bultoota
Onkoloolessa 17/2019(ENA)-Godina Baha Oromiyaa Aanaa Daaroo Labuutti Oomisha Buna qulqullinaan dhiheessuun bu'aa gaariin irraa argachaa jirra jedhan qonnaan bultoonni buna oomishan.
Aanichi Oomisha Bunaan bara dheeraa kan beekamu ta'us sababa rakkoo hanqina qulqullinaatiin faayidaa argachuu malan akka hin arganne dubbataniiru.
Yeroo ammaa sanyii filatamaa Bunaa babal'isuun oomisha dabaluu fi qulqullina isaaf ammoo ulaagaa kaa'ame guutuun gabaaf dhiheessanii galiin argatan dabalaa jiraachuu qonnaan bultoonni aanichaa ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni kunneen yeroo ammaa galii dhuunfaa isaanii fooyyessuun sharafa alaas argamsiisuun dinagdee biyyaaf tumsaa jiraachuu dubbataniiru.
Bulchaa Itti Aanaa fi Itti Gaafatamaan waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Daaroo Labuu Dr. Najjaash Abdallaa Buna sanyii filatamaa Jiddu gala Qorannoo Qonna Machaaraan mirkanaa’e babal’isuun oomishitummaa isaa gandoota aanichaa 32 keessatti dabaluuf hojjechaa jirra jedhan.
Qulqullina Bunaaf immoo xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Bara kana Buna toonii kuma 3 gabaa jidduu galeessaaf dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.