Bu’aa qonnaa Itoophiyaan galmeessite kan ajaa’ibsiifatamudha - Sagantaa Nyaata Addunyaa - ENA Afaan Oromoo
Bu’aa qonnaa Itoophiyaan galmeessite kan ajaa’ibsiifatamudha - Sagantaa Nyaata Addunyaa
Onkololessa 17/2019 (ENA): Mootummaan Ityoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf carraaqqiin taasisaa jiru kan galateeffamu ta’uu Itiyoophiyaatti Daarektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa Zilaataan Milisiik ibsaniiru.
Afrikaa keessatti biyya omishtuu qamadii olaanaa taate Itoophiyaan, wabii nyaataa fi birmadummaa damee qonnaa mirkaneessuuf tattaaffii gooteen bu’aa qabatamaa galmeessitee jirti.
Keessattuu hojii irra oolmaan misooma qamadii jallisii Bonaa, Sagantaa maaddii guutuun, fi qonna haaraa gara oomishtummaatti jijjiiruun hanqina nyaataa kanaan dura ture salphisuuf gargaareera.
Tooftaaleen misoomaa hunda galeessa ta’an kunneen biyyattiin nyaataan of danda’uu bira darbee fedhii namoota biyyoota biroo guutuuf tattaaffii taasiftu bu’uura cimaa kaa’aniiru.
Kanarraa kan ka’e Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa ishee bu’a qabeessa ta’een mirkaneessaa akka jirtu hojiin jajjabeessaan damee kanarratti galmaa’e ragaadha.
Daarektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa Itiyoophiyaa Zilaataan Milisik, Itiyoophiyaan damee qonnaatiin guddina olaanaa fi dinqisiisaa agarsiisaa jirti jedhan.
Mootummaan teeknooloojii, bu’uuraalee misoomaa, bulchiinsa bishaanii, fi dameewwan ijoo guddina qonnaa deeggaran irratti invastimantii guddaa akka taasise hubachiisaniiru.
Fayyadama sanyii omisha olaanaa fi lafa kanaan dura hin misoomne gara lafa oomishaatti jijjiiruun jijjiiramni guddaan galmaa’uu isaa hubachiisaniiru.
Jallisii, sirna bulchiinsa bishaanii fi bulchiinsa lolaa misoomsuuf tattaaffiin taasifamuus hubachiisaniiru.
Itti fayyadamni teeknooloojii qonnaa biyyattiin oomishaalee baay’ee oomishuuf, oomishtummaa akka dabalu taasisuus hubachiisaniiru.
Itoophiyaatti omishni waggoota kurnan duraa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dachaa kudhaniin akka dabale, oomishaaleen hedduun oomishamaa akka jiran hubachiisaniiru.
Dhiyeessiin nyaataa biyyattii yeroo ammaa dabalaa akka jiru eeruun, galteen alaa hir’achaa akka jiru himuun, dandeettiin al-ergii dabalaa akka jirus hubachiisaniiru.
Bu’aan gaariin damee qonnaa keessatti galmaa’aa jiru kun invastimantii deeggaruun damichi gahumsa akka qabaatu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Dandeettii dandamachuu hawaasaa guddisuu, hammatama faayinaansii mirkaneessuu, qonnaan bultoota gabaa waliin wal qunnamsiisuuf tattaaffiin taasifamu cimee itti fufuus ibsaniiru.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links