Tamsaasa Kallatti:

Raayyaan Ittisa Biyyaa mallattoo birmadummaa fi tokkummaa biyyaa keenyaati- Gochuu Indaalamaawu.

Onkololessa 17/2019 (ENA) : Raayyaan Ittisa Biyyaa mallattoo birmadummaa fi tokkummaa biyyaa keenyaati jedhan Kantiibaa Itti Aanaan Magaalaa Baahir Daar Goshuu Indaalammaawu.

Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa diinoota alaa irraa biyyattii ittisaa fi humnoota diigumsaa biyya keessaa qolachaa, biyyattiin akka cimtee dhaabbattu taasiseera jedhan Kantiibaa Itti Aanaan Magaalaa Baahir Daar Goshuu Indaalammaawu.


 

Naannoo Amaaraa, Magaalaa Baahir Daaritti hiriirri uummataa raayyaa ittisaa biyyaa deeggaru gaggeeffameera.

Hiriira kanarratti jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, dargaggoonniifi kutaaleen hawaasaa biroon hirmaataniiru.

Hirmaattonni hiriirichaa tokkummaa fi birmadummaa biyyaalessaa cimsuuf tattaaffii Raayyaan Ittisaa Biyyaa taasisaa jiru deeggaruun ergaa dabarsaniiru.

Hirmaattonni hiriirichaa, “Aarsaa gootummaa Raayyaa Ittisaa dhuma hinqabneen kabaja biyya keenyaa ol kaasna; diinoota Itiyoophiyaa barbadeessuun alaabaa keenya ol qabna; gatii Raayyaan Ittisaa Biyyaa, humnoonni nageenyaa federaalaa fi naannoo kaffalaniif kabaja qabna” jechuun dhaadannoowwan dhageessisaniiru.

Dabalataanis, “Tarkaanfiiwwan mootummaan nageenya mirkaneessuuf fudhatu ni deeggarra; tokkummaan biyya keenyaa shira humnoota farreen nageenyaa kamiiniyyuu hin gufatu; biyya keenya cimsuu fi badhaadhina ishee mirkaneessuuf mootummaa cinaa hiriirra; Raayyaan Ittisaa Biyyaa keenya mallattoo tokkummaa sabdaneessummaa keenyaa ti” jechuun nageenya biyyaalessaafi Raayyaa Ittisaa Biyyaaf deeggarsa qaban ibsaniiru.


 

Kantiibaa Itti Aanaan magaalattii Goshuu Indaalammaawu ergaa dabarsaniin, mallattoo biyya keenyaa kan ta’e Raayyaa Ittisaa Bjyyaaf deeggarsa keenya yeroo ibsinu, fuula alaabaa keenya duratti irra deebiin waadaa galaa fi gootummaa raayyaa yeroo hunda mirkaneessaati jedhan.

Raayyich diinoota alaa Itiyoophiyaa irraa ittisaa fi humnoota diigumsaa keessoo qolachaa, biyyattii cimsee dhabuu itti fufeera jedhaniiru.

Raayyichi qaama biyya diigu qolachuun, ergama biyya cimsuu gootummaan bahachaa jiraachuus ibsaniiru.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015