Tamsaasa Kallatti:

Midhaan gahe rooba hin malleef saaxilamuun akka hin qisaasofneef karaa makaanaayizeeshinii fi humna namaan walitti qabamaa jira

Onkololessa 17/2019 (ENA): Midhaan gahe rooba hin malleef saaxilamuun akka hin qisaasofneef karaa makaanaayizeeshinii fi humna namaan walitti qabamaa jiraachuu Waajjirri  Godina Giddugaleessa Oromiyaa beeksise.


 

Hogganaan Waajjira Qonnaa Godina Giddugaleessa Oromiyaa obbo Masfin Tashoomaa ENAtti akka himanitti, midhaan yeroo omisha Gannaa keessatti misoomsame walitti qabuun rooba waqtii hin malleef saaxilamuun akka hin miidhamneef tattaaffiin taasifamaa jira jedhani.

Bara omisha 2018/19tti qamadii, garbuu biiraa, xaafii, ruuzii, boloqqee fi midhaan dheedhii biroo godinicha keessatti omishaman keessaa isaan ijoo ta’uu himaniiru.

Qonnaan bultoonni godinichaa midhaan gahe dafanii sassaabuun barbaachisaa ta’uu gorsaniiru.

Godina Giddugaleessa Oromiyaatti lafa heektaara miiliyoona 2.8 yeroo omisha Gannaa misoome irraa callaan kuntaala miiliyoona 130 ol ni eegama jedhan.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015