Waajjirri Qonnaa Godina Giddugaleessa Oromiyaa Bona baranaa kana lafa heektaara miiliyoona 1.1 ol qamadii jallisiin misoomsuuf karoorfachuu isaa beeksise. - ENA Afaan Oromoo
Waajjirri Qonnaa Godina Giddugaleessa Oromiyaa Bona baranaa kana lafa heektaara miiliyoona 1.1 ol qamadii jallisiin misoomsuuf karoorfachuu isaa beeksise.
Onkololessa 17/2019(ENA) : Waajjirri Qonnaa Godina Giddugaleessa Oromiyaa Bona baranaa kana lafa heektaara miiliyoona 1.1 ol qamadii jallisiin misoomsuuf karoorfachuu isaa beeksiseera.
Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Giddugaleessa Oromiyaa obbo Masfin Tashoomaa ENAtti akka himanitti godinichatti qamadii jallisiin misoomuumsuuf karoora bal’aa qabatanii hojii qabatamaatti seenuu ibsaniiru.
Bona kana qamadii jallisii heektaara miiliyoona 1.1 misoomsuuf karoorfachuu isaanii ibsaniiru. Karoora kana galmaan ga’uuf tattaaffii qindoominaan taasisaa jirra jedhaniiru.
Qabeenya bishaan lafarraa fi lafa jalaa godinicha keessa jirutti fayyadamuudhaan qamadii jallisiin misoomsuun lafa bal’aa uwwisuuf kaayyoo qabatanii hojiitti seenuu isaanii ibsaniiru.
Laga Awaash dabalatee boolla gadi fagootti fayyadamnee qamadii jallisii Bonaa misoomsuuf hojjechaa jirra jedhani. Haaluma kanaan jenereetaroota bishaan harkisan kumaatamaan lakkaa’aman qonnaan bultootaaf akka dhiyaatan taasifameera jedhan.
Itti dabaluunis, jenereetaroota bishaan harkisan haaraan qonnaan bultootaaf, keessattuu kanneen kanaan dura harka isaanii keessa turan dabalatee kan biraas dhiyeessuuniif taasisuun misooma kana haala qindoomina qabuun raawwachuuf qophiin duraa xumuramee hojiitti hiikameera jedhan.
Galteewwan oomishaa fi oomishtummaa guddisan keessumattuu xaa’oo biyyee dhiyeessuuf qophiin taasifamuu eeruun, sanyiiwwan filatamaa fi xaa’oo uumamaa baay’ina gahaa ta’een dhiyeessuun kan itti fufu ta’uu himuun, xaa’oon biyyee yeroo ammaa qonnaan bultootaaf hamma isaan barbaachisuun kennamaa akka jiru dubbataniiru.
Hoggantoonni godinaa sadarkaa sadarkaan jiran; itti gaafatamtoota kutaalee hojii; ogeessonnii fi hojjettoonni buufata misoomaa deggersaa fi hordoffii guyyaa guyyaa kennuu irratti ciminaan hojjechaa jiru jedhani.
Yeroo ammaa kana aanaalee Booraa fi Dugdaa akkasumas Godinicha keessatti hojiin qamadii Bonaa jallisiin oomishuu eegaleera jedhani obbo Masfin.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links