Tajaajilli kaadaastara lafaa magaalattii rakkoo fi baasii hin barbaachifne nurraa hambiseera - Fayyadamtoota - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli kaadaastara lafaa magaalattii rakkoo fi baasii hin barbaachifne nurraa hambiseera - Fayyadamtoota
Onkololeessa 17/2019 (ENA): Waajjirri Lafaa Magaalaa Amboo rakkinaa fi baasii dhabamsiisuudhaan tajaajila saffisaa akka argannu nu taasiseera jedhan fayyadamtoonni magaalattii.
Fayyadamtoonni ENA waliin turtii taasisan akka himanitti, waajjirri lafa magaalattii dijiitaala ta’uu isaa dura, duraan dhimma tokkoof torban lamaa ol eegaa akka turan eeruun, amma garuu tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa ta’e argachaa jiraachuu dubbatani.
Jiraataan Magaalaa Amboo obbo Xibabee Yimaanee akka himanitti, dhimma kaadastara mana jireenyaa xumuruuf gara waajjiraatti akka dhufan kan dubbatan yoo ta’u, dur dhimma isaanii xumurachuuf torban lamaa hanga sadii akka fudhatu eeranii, wayita ammaa garuu daqiiqaa kudhanii hanga digdamaa keessatti tajaajila saffisaa akka argatan himaniiru.
Fayyadamaan biraa obbo Biraanuu Tasfaayee gama isaaniin kaartaa lafaa ammayyaa fudhachuuf kan dhufan yoo ta’uu himuun, kanaan dura sirni kaadastaraa waajjirichatti hojjetamaa ture rakkoo hamaaf kan isaan saaxile ta’uu eeruun, amma garuu haala gaariinii fi yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii xumurachuu dubbataniiru.
Aadde Wayinisheet Atoomsaas gama isaaniin kabajaa fi tajaajila gahumsa qabu waajjirichi kennuu isaatti kan gammadan ta’uu himaniiru.
Waajjira magaalaa Ambootti ogeessi galmee kaadaastaraa obbo Malkaa Araggaa akka jedhanitti, kanaan dura haalli ture malaanmaltummaafi hojmaata badaaf kan saaxilaa ture ta’uu eeruun, wayita ammaa garuu erga kadaastarri lafaa eegalee rakkoolee kanneen furuun lammiileen tajaajila gahumsa qabu yeroo gabaabaa keessatti akka argatan haala mijeesseera jedha.
Gandoota jahan Magaalaa Amboo jala jiraniif tajaajilli kaadastaraa kennamaa jiraachuu eeruun, hanga ammaatti hojii deeggarsa teeknooloojiin bifa qindaa’een hojjetameen lammiileen kuma 11 ol ta’an kaadaastara ammayyaatiin galmaa’anii kaartaa fudhachuu isaanii ibsaniiru.
Akka karoora bara 2019tti jiraattota magaalaa 2,500 ta’aniif kaartaa dijitaalaa kennuuf karoorfamee kan ture yoo ta’u, ji’oota sadan darban qofa keessa jiraattota magaalaa 700 ta’aniif kaartaa lafaa dijiitaalaa kennameefii jira jedhani.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links