Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii haaraa gara biyya Mozaambik magaalaa Nakalaatti eegale - ENA Afaan Oromoo
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii haaraa gara biyya Mozaambik magaalaa Nakalaatti eegale
Onkololessa 17/2019 (ENA): Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balalii haaraa gara biyya Mozaambiik magaalaa Nakalaatti eegaluu beeksise.
Balaliin haaraan har’a eegalame kun Maaputoo fi Beeyiraatti aanee bakka gahumsa sadaffaa ta’uu ibsameera.
Sagantaa jalqabsiisaa kana irratti keessummoonni affeeraman Ministeera Dhimma Alaatti Daayreektarri Olaanaa Dhimmoota Afrikaa jeneraal Ambaasaaddar Zarihuun Abbabee fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddar Moozaambiik Ambaasaaddar Nuunoo Toomaas argamaniiru.
Ministeera Dhimma Alaatti Daayreektarri Olaanaa Dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Zarihuun Abbabaa ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaa fi Mozaambiik walitti dhufeenya miira Paan Afriikaa irraa madde qabu jedhani.
Balaliin Daandii Qilleensa Ityoophiyaa gara Mozaambiik magaalaa Nakalaatti eegaluun hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa haaraatti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru.
Hoggantoonni biyyoota lamaanii fooramii Xaanaa cinatti dhimmoota waloo irratti mari’achuu isaanii yaadachiisuun, kunis daangaa tumsa biyyoota lamaanii babal’isuuf bu’uura kan kaa’e ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Moozaambiik Nuunoo Toomaas akka himanitti, jalqabsiisni balalii kun turizimii, daldalaa fi invastimantii guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhani.
Duudhaalee aadaa fi qabeenya keenya addunyaa waliin wal barsiisuuf carraa gaarii uumas jedhaniiru.
Kana malees jalqabsiisni balalii kun walitti dhufeenya ummataa Itiyoophiyaa fi Moozaambiik cimsuuf gahee olaanaa qaba jedhan.
Itti Gaafatamaan Olaanaa Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Rattaa Malaakuu gama isaaniin balaliin kun Mozaambiik keessatti bakka gahumsaa sadaffaa ta’uu ibsaniiru.
Daandiin xiyyaaraa kun biyyoota Afrikaa walitti hidhuun daldala, invastimantii fi turizimii guddisuuf hojjechaa jiraachuu hubachiisuun, balaliin har'aa eegaluun qaama galma ardii kanaa ta'uu ibsaniiru.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links