Inisheetiivii misooma ‘Kashew’tiin hanga ammaatti biqiltuun kuma 186 dhaabameera - ENA Afaan Oromoo
Inisheetiivii misooma ‘Kashew’tiin hanga ammaatti biqiltuun kuma 186 dhaabameera
Onkoloolessa 16/2019(ENA)-Inisheetiivii misooma ‘Kashew’tiin hanga ammaatti biqiltuun kuma 186 lafa hektaara 780 irratti dhaabbachuun misoomaa jiraachuun ibsame.
Biiroon Qonnaa Oromiyaa itti gaafatamummaa Mootummaa fi ummataan itti kenname bahachuuf galmoota oomishaalee qonnaa wabii nyaataa mirkaneessan baayyinaa fi qulqullinaan oomishuun oomishaalee qonnaa alaa galan bakka buusuun sharafa alaa oolchaa jira.
oomishaalee Qonnaa al-ergee bayyinaa fi qulqullinaan misoomsuun galii sharafa alaa guddisuu fi hojiiwwan qonnaa keessatti carraa hojii bal’aa dargaggootaa fi dubartootaaf uumuuf qabame milkeessuuf inisheetiiviiwwan qonnaa 33 hojiirra oolchuun guddina dingdee biyyaa fi qonnaa/Horsiisee bulaaf gumaacha olaanaa taasisuutti jira.
Kanneen keessaa inisheetiiviin misooma ‘Kashew’ isa tokko yoo ta’u oomishinni kun oomisha iji isaa tajaajila nyaataaf, dhugaatiif, dibataaf oolu yoo ta’u, qabiyyee pirootiinii, cooma fayya qabeessa, Vaayitaaminii fi Albuudota qaama namaaf baayyee barbaachisoo ta’e of-keessaa qaba.
Dabalataanis, gabaa addunyaarratti oomisha baayyee barbaadamaa ta’e, galtee industirii ta’uun zayitaa fi dibata adda addaaf kan oolu yoo ta’u biyyoonni kanneen akka Ayivorii Koosti, Hindi, Veetinaam, Indoonezhiyaa, Filiippiinsi fi Naayijeeriyaan gabaa addunyaaf dhiheessuun galii kan ittiin argatanidha.
Naannoo keenya keessattis, inisheetiivii misooma ‘Kashew’ f haala qilleensaa mijataa qabduun misooma kana babal’isuun qonnaan/horsiisee bultoonni keenya oomisha al-ergee fi galtee industirii ta’e kanarraa dinagdeen akka fayyadamaniif Mootummaan Naannoo keenyaa Mootummaa biyya Naayijeeriyaa waliin michooma uumuun bara 2017 irraa eegalee sanyii biqiltuu kanaa galchuun buufataalee biqiltuurratti babal’isuun yeroo ammaatti biqiltuun kumni 295 qophaa’e keessaa kumni 186 lafa hektaara 780 irratti aanaalee naannoo keenyaa 212 keessatti misoomaa jira.
Guyyaa har’aas biqiltuun ‘Kashew’ Godina Kibba Baha Oromiyaa aanaa Gindhiiritti dhaabbiin biqiltuu kanaa gaggeeffamee jira.
Biiroo qonnaa Oromiyaa irraa