Karoora of danda'uu milkeessuun waadaa Mootummaan ummataaf gale ni mirkaneessina – Bulchitoota Godiina - ENA Afaan Oromoo
Karoora of danda'uu milkeessuun waadaa Mootummaan ummataaf gale ni mirkaneessina – Bulchitoota Godiina
Onkoloolessa 16/2019(ENA)-Karoora of danda'uu milkeessuun waadaa Mootummaan ummataaf gale ni mirkaneessina jedhan Bulchitoonni Godiinale Oromiyaa.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa karoora of danda’uu bara 2019 hanga 2023tti hojiirraa oolu ifattii eegalu ibsuun ni yaadatama.
Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Bulchaan Godina Oromiyaa Bahaa Obbo Abdurhamaan Abdallaa akka jedhanitti, Karoorri of danda'uu waadaa Mootummaan ummataaf galedha.
Karoora kana milkeessuufis humnoota misoomaa fi waloo qindeessuun hojjachuuf qophii ta’uu isaanii dubbataniiru.
Gurmaa'insa haaraan tokkommaa keenya haala cimsuu danda'uun kan gurmaa'ee fi humna raawwachiisummaa bittinaa'e kan walitti qabe waan ta'eef rawwii karoora of danda’uuf galtee gudda ta’uus kaasaniru.
Bulchaan Godina Kibba Oromiyaa Obbo Ahmad Hajjii, Karoorri kun karoora hiixataa fi ummata Oromoo biratti hiika guddaa qabu ta’uu dubbataniiru.
karoora Of Danda’uu milkeessuu fi tajaajila mootummaan ummataaf dhiyeessuu keessatti gahee olaanaa qabas jedhaniiru.
Fedhii ummatni Oromoo misoomaafi jijjiirama diinagdeef qabu dhugoomsuuf carraa bal’aa kan uumu ta’uu kaasanii, karoora kana milkeessuuf kutannoon kan hojjetan ta’u dubbataniiru.
Qabeenya godinichaa sirnaan fayyadamuun oomisha dabaluun, carraa hojii bal’isuun, galii uummataa fi mootummaa guddisuun dinagdee Oromiyaa fi biyyaa utubuuf xiiqiin ni hojjetamas jedhaniiru.
Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti, Bulchaa Godina Kibba Baha Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis gama isaaniitiin Waggoota jijjiiramaa keessatti inisheetiivota fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hedduu hojiitti hiikuun oomishaafi oomishtummaan biyyaa dabaluuf akka hojjetan dubbatan.
Diinagdee biyyaa ijaaruu, hariiroo hawaasummaa cimsuufi nagaafi tasgabbii mirkaneessuuf miira xiiqiin akka hojjetamus dubbataniiru.
Karoora of danda'uu milkeessuuf miira yeroo hin qabneen ni hojjeenna kan jedhan immoo Sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantiitti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Dr. Rashaad Kamaali.
Yaadama haaraa tarsiimoo ce'uumsa diinagdee, hawaasummaafi siyaasaa milkeessuuf karoora of-danda'uu hojiirra oolchuun murteessaa ta'uus kaasaniru.
Misooma koriidarii akka biyyaatti hojjetamaa jiru bu'uura godhachuun, iddoowwan gara garaatti babal'isuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu eeruuniru.
Sadarkaa Pirezidantii itti aanaatti, Bulchaa Godina Giddu Galeessaa Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqalaatiis karoorri of danda'uu fedhiifi gaaffii uummataa kan deebisu jedhaniiru.
karoorichi qabamee hojjetamaa jiru qabeenya dilbii Oromiyaan qabdu gara diinagdeetti jijjiiruun jiruufi jireenya hawaasa naannichaa kan fooyyessuu waan ta’eef rawwii isaanifis kutannoodhan ni hojjetama jedhaniru.
Karoorri Of dandahuu, ajandaa misoomaa guddicha hiyyummaafi duubatti hafummaa seenaa taasisuuf hojjetamaa jiruudha kan jedhan immoo Bulchiin Godina Lixa Oromiyaa Obbo Masfiin Malaakuuti.
Milkaa’ina karoorichaatiif hooggansi ergama isaa sirriitti hubatee uummata qajeelchuu fi fayyadamummaa isaanii dhugoomsuuf hojjechuu akka qabus yaadachiisaniru.
Gamaaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana tokkoffaa guyyoota lamaan darbaniif Gaggeeffamaa ture har’a ni xumurama jedhameetu eegama.