Tamsaasa Kallatti:

Deenmaarki damee Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa deeggaruu cimsuuf kutannoo qabdi – Ambaasaaddar Suun Kiroogistiruup ibsan

Onkoloolessa 16/2019 (ENA) Deenmaark deeggarsa damee bishaanii fi inarjii Itoophiyaaf taasiftu cimsuuf kutannoo qabaachuu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Deenmaark, Suun Kiroogistiruup ibsan.

Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa beekumsaa fi teeknooloojii waljijjiiruuf waltajjii murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa 3ffaan mata duree “Wabii Bishaanii fi Inarjii gara fuulduraatiif imaammattootaa fi tumsa ragaa saayinsaawaa irratti hundaa’an cimsuu” jedhuun har’a gaggeeffamuu eegaleera.

Saganticharratti ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa, qorattoonni dame bishaanii fi inarjii, qaamoleen imaammata baasan, akkasumas qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.


Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa beekumsa waljijjiiruuf, muuxannoo waliif qooduuf, hojiiwwan kalaqaa beeksisuu fi tumsa cimsuuf waltajjii murteessaa ta’uu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Deenmaark, Suun Kiroogistiruup, saganticharratti ibsaniiru.

Deenmaarki  sagantaalee tumsa misoomaa fi jalqabbiiwwan garaagaraatiin damee bishaanii fi inarjii Itoophiyaa deeggaruuf kutannoo yeroo dheeraa qabaachuu ibsaniiru.

Deeggarsa kana keessaa dhaabbilee damee bishaanii fi inarjii gidduutti muuxannoo kallattiin waljijjiiruu, dandeettii raawwachiisummaa cimsuu, sagantaalee biyyaalessaa deeggaruu fi bu’uuraalee misooma inarjii babal’isuun akka keessatti argaman himaniiru.


Itoophiyaan dameewwan bishaanii fi inarjii keessatti carraawwan misoomaa bal’aa akka qabdu ibsaniiru.

Rakkoolee dameewwan kanneen keessatti mudatan furuuf invastimantii waaraa, kalaqa, odeeffannoo amansiisaa, dhaabbilee ciccimoo fi tumsi qooda fudhattoota hunda gidduutti akka barbaachisu kaasaniiru.

Waltajjiileen akka torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa kanaaf barbaachisummaa olaanaa akka qaban eeraniiru.

Tumsi Itoophiyaa fi Deenmaarki gidduu jiru deeggarsa misoomaa qofaan kan hin daangeffamne ta’uu ibsuun, tumsi kun carraawwan michummaa daldalaa, ce’umsa teeknooloojii, kalaqaa fi invastimantii dhuunfaa akka uumu himaniiru.

Deenmaarki kaayyoowwan waloo galmaan ga’uuf Mootummaa Itoophiyaa, michoota misoomaa, damee dhuunfaa fi qooda fudhattoota biroo waliin tumsaan hojjechuu kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.

Gama biraatiin, Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ruwaandaa , Chaarlis Kaarambaa, bishaanii fi inarjiin nageenyaafi fayyaa namootaa, guddina dinagdee fi itti fufiinsa eegumsa naannawaatiif qabeenya barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Qabeenyonni lamaan kun walitti dhufeenya cimaa akka qabanis kaasaniiru.

Qabeenyonni kunneen faayidaa olaanaa qabaatanis, jijjiirama qilleensaa, guddina dinagdee, daballii baay’ina uummataa fi dhimmoota itti fufiinsa waaraa waliin walqabatan irraa kan ka’e dhiibbaa dabalaa dhufeef saaxilamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bishaanii fi inarjii gahumsaan, haala haaromfamuu danda’uunii fi itti fufiinsa waaraa qabuun bulchuun wabii bishaanii mirkaneessuuf, dhaqqabummaa inarjii babal’isuu fi egeree rakkoolee dandamachuu danda’u uumuuf murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa muuxannoowwan gaggaarii waliif qooduuf, kalaqawwan haaraa beeksisuu fi dameewwan bishaanii fi inarjii keessatti carraawwan invastimantii qorachuuf carraa akka uumu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015