Hojiiwwan Mootummaan Ida’amuu misooma magaalaatiin raawwate fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu danda'aniiru - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan Mootummaan Ida’amuu misooma magaalaatiin raawwate fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu danda'aniiru
Onkololeessa 16/2019 (ENA) Ministirri Magaalaa fi Bu'uura Misoomaa Injiinar Mahaammad Abduraahimaan akka ibsanitti, hojiiwwan mootummaan Ida’amuun waggoottan darban misooma magaalaa, bu'uuraalee misoomaa diriirsuu fi ijaarsa mana jireenyaatiin raawwatame fayyadamummaa hunda galeessa lammiilee kan mirkaneessan ta'uusaanii ibsaniiru.
Guyyaan Magaalota Addunyaa bara 2026 mata duree 'Magaalota Itoophiyaatti Magaalaa Haaromsuu; hundaaf kan ta’u mana jireenyaa ga’aa» jedhuun galma komishinii dinagdee mootummoota gamtoomanii (ECA)tti gaggeeffamaa jira.
Sagantichi Ministeera Magaalaa fi Bu'uura Misoomaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi (UN-Habitat) waliin kan qopheessan yoo ta'u, xiyyeeffannoon isaas guddina magaalotaa, dhiyeessii mana jireenyaa fi hojiilee haaromsa magaalaa irratti kan xiyyeeffatedha .
Ministeerri Magaalaa fi bu'uuraalee misoomaa Injiinar Mahaammad Abduraahimaan akka jedhanitti, hojiiwwan mootummaa ida’amuun waggoota muraasa darban misooma magaalaa fi ijaarsa mana jireenyaatiin raawwate fayyadamummaa hunda galeessa lammiilee kan mirkaneessanidha.
Magaalonni wiirtuu sochii dinagdee, hojiilee kalaqaa,ce’umsa teeknooloojii fi walitti dhufeenya hawaasummaa akka ta’an xiyyeeffannoon hojjetamuusa ibsaniiru.
Keessattuu hojiilee xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jiran keessaa misoomni manneenii isa ijoo ta’uu eeruudhaan, ijaarsi mana jireenyaa miiliyoona 1 tuqaa 5 mootummaa ida’amuutiin dhugoomaa jiru agarsiistuu kanaa ta’uu ibsaniiru.
Misoomonni koriideraa fi hojiileen haaromsa magaalaa kutaa biyyattii garaa garaatti raawwataman magaaloonni keenya qulqulluu, jireenyaaf mijattuu fi eegumsa naannoof xiyyeeffannoo kan kennan akka ta'an taasiseera.
Kunis magaalotni kun dandeettii hawwattummaa invastimantii olaanaa akka qabaatan kan taasise ta’uu ministirichi ibsaniiru.
Ministirichi dabalaniis, michoota misoomaa, damee dhuunfaa fi hawaasa waliin walitti dhufeenya qaban cimsuun fedhii mana jireenyaa lammiilee guutuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu mirkaneessaniiru.
Hojiilee misooma magaalaa cimsanii itti fufuudhaan Itoophiyaa lammiilee isheetiif mijattuu dhugoomsuuf hojiin kun cimee akka ittifufu ibsaniiru.