Raayyaan ittisa biyyaa ergama daangaa fi nagaa biyyattii eeguu bu'a qabeessa ta'een bahachaa jira - Meejar Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee - ENA Afaan Oromoo
Raayyaan ittisa biyyaa ergama daangaa fi nagaa biyyattii eeguu bu'a qabeessa ta'een bahachaa jira - Meejar Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee
Onkololessa 16/2019 (ENA): Raayyaan ittisa biyyaa ergama daangaa fi nagaa biyyattii eeguu bu’a qabeessa ta’een ba’aa jira jedhan Ajajaa Itti aanaan Ajaja Bahaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee.
Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa 119ffaan magaalaa Hararitti marii paanaalii mata duree "Raayyaa Injifannoo" jedhuun kabajamaa jira.
Itti Aanaa Ajajaa Bahaa Meejar Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee saganticha irratti argamuun ergaa dabarsaniin raayyaan ittisa biyyaa ergama nagaa fi daangaa biyyaa eeguu bu'a qabeessa ta'een bahachaa jira jedhani.
Akkasumas ergamaa fi hojii itti kenname gahumsa guddaadhaan raawwachaa turuu fi bu’aa milkaa’aa galmeessisuu isaa ibsaniiru.
Miseensonni izichaa humnoota farra nagaa biyyattii booressaa jiran duukaa bu’uu fi tarkaanfii fudhachuun itti gaafatamummaa birmadummaa Itiyoophiyaa fi nageenya ummataa tiksuuf qaban gahumsaa fi gootummaadhaan ba’aa akka jiran dubbataniiru.
Dabalataanis miseensonni izichaa hojiiwwan daangaa biyyaa fi nagaa ummataa eegsisuuf hojjetaman irratti gahumsaan ergama isaanii bahachuu akka itti fufan ibsaniiru.
Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa 119ffaan guyyaa kaleessaa akka biyyaatti yeroo kabajamu itaamaajorshuumiin waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa Itiyoophiyaan biyyoota dhaabbilee umurii dheeraa ijaaran keessaa tokko ta’uu hubachiisaniiru.
Akkasumas, Raayyaan Ittisa Biyyaa erga hundeeffamee umurii waggaa 119 kan qabu yoo ta’u, dhaabbilee Itiyoophiyaa yeroo dheeraaf jiraatan keessaa isa durii fi sadarkaa olaanaa qabu ta’uu ibsaniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa yeroo ammaas lafee dugdaa fi utubaa biyyattii ta’uun, baandaawwan biyya diiguuf ka’an irratti gootummaan tarkaanfii fudhachaa akka jiru duubbachuun isaanii kan yaadatamudha.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links