Tamsaasa Kallatti:

Hirkattummaa Alaa Irraa Gara birmadummaa Diinagdeetti; Gahee Tarsiimawaa omisha Bakka Bu’aa

Mootummaan Itiyoophiyaa hirkattummaa meeshaalee alaa galan irratti qabu hir’isuu fi walmadaalummaa daldalaa biyyattii itti fufiinsaan sirreessuuf riifoormii diinagdee caasaa hojiirra oolchaa jira.

Meeshaaleen bakka bu’aan eegaluun adda durummaan baasii sharafa alaa biliyoonaan lakkaa’amu hambisuun birmadummaa dinagdee mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Duraan hojiin omishaa bifa adda cicciteeniifi gadi aanaan omishamaa ture,omisha bakka bu’aa tarsiimoo biyyaalessaan raggaasifamee hojiirra ooleera.


 

Tarsiimoon kun waggoottan kurnan itti aananiif roodimaappii kan kaa’u yoo ta’u, Sochiin Badhaadhina Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Bitootessa 2014 hoggansa Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) jalatti eegalame hojiirra oolmaa isaaf motora guddaa ta’ee tajaajilaa jira.

Sochiin biyyaalessaa kun Tarsiimoo Omisha Biyyaalessaa bara 2016 hojiirra ooluu eegaleef carraa guddaa uumeera.


 

Eebbaa fi hojiirra oolmaan tarsiimoo kanaa dinagdee Gooroo biyyattiif bu’aa hawaasummaa fi dinagdee kallattii hedduu fiduu eegaleera.

Gaheen gabaa oomishtoota biyya keessaa gara dhibbeentaa 45tti kan ol guddate yoo ta’u, dandeettiin oomishaa warshaalee giddu galeessaan dhibbeentaa 47 irraa gara dhibbeentaa 67tti ol guddateera.

Haaromsi kun lammiilee kumaatamaan lakkaa’amaniif carraa hojii dhaabbataa kan uume yoo ta’u, fedhii meeshaalee jallisii warshaalee oomishaalee qonnaa fi albuudaa biyya keessaa waliin walqabsiisuudhaan dhiyeessii cimsee jira.

Akka addunyaatti sababa dhiyeessii xaa’oon hanqina nyaataa mudateeru, Itoophiyaan omisha qamadii jallisii Bonaan rakkoo hamaa ishee mudachutu ture irra aanteetti jechuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbataniiru.


 

Omishni bakka bu’aan Itiyoophiyaaf dhimma nageenya biyyaa fi birmadummaa ta’uu hubachiisuun; kanaan dura doolaara miliyoon hedduun kan itti bahu ture dhagaan cilee fi omishni chiippuudii yeroo ammaa kanaa biyya keessatti bal’inaan omishamaa jiraachuu dubbataniiru.


 

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015