Tamsaasa Kallatti:

Milkaa’inni karoora gaarii qopheessuu qofaan hin mirkanaa’u- Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO

 

Karoora Of Danda’uu waggoota shanan dhufaniif qophaa’e keessatti, Oromiyaa gama dinagdee, barnootaa, teknoloojii fi sirna bulchiinsaatiin cimtuu ijaaruun galma ijoo ta’ee kaa’ameera.

Karoorichi abdii fi mul’ata uummataa gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruun badhaadhina waliigalaa dhugoomsuuf kallattii tarsiima’aa ta’ee tajaajila.

Karoora kana milkeessuuf qabeenyaafi carraawwan naannoon qabdu sirnaan fayyadamuun, humnoota misoomaa qindeessuun, akkasumas raawwii hojii bu’a qabeessa taasisuun barbaachisaadha.

Dinagdee jabaa ijaaruun qabeenya jiru fayyadamuu qofa osoo hin taane, humna namaa, beekumsa, teknoloojiifi qabeenya maatii gara humna oomishtummaatti jijjiiruu gaafata.

Kanaaf, imaammanni misoomaa dinagdee, barnoota, teknoloojiifi sirna bulchiinsaa walitti hidhuun dandeettii ummataa cimsuufi bu’aa misoomaa waaraa argamsiisuu irratti xiyyeeffachuu qaba.

Milkaa’inni Karoora Of Danda’uu garuu karoora gaarii qopheessuu qofaan hin mirkanaa’u. Dandeettiin hoggansaa, hojjettoonni mootummaafi ummanni qindoominaan hojjechuun, murtoowwan sirrii kennuun, raawwii hojii hordofuun, akkasumas hanqinoota jiran sirreessuun murteessaadha. Kana malees, bu’aan raawwii karooraa jireenya uummataa keessatti jijjiirama qabatamaa fiduu isaa madaaluun, galmoota misoomaa yeroo dheeraa milkeessuuf xiyyeeffannoo itti fufiinsa qabu gaafata. maddi wajjira pireezidaantii

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015