Tamsaasa Kallatti:

Godina Giddu-gala Oromiyaatti lafti hektaarri miiliyoona 1tuqaa1 ol ta'u qamadii jallisii bonaatiin ni misooma

Onkoloolessa 16/2019 (ENA) Godina giddu-gala Oromiyaatti bara kana lafti hektara miliyoona 1tuqaa1 ol ta'u misooma qamadii jallisii bonaatiin akka misoomu waajjirri Qonnaa godinichaa ibse.

Hogganaan waajjira qonnaa godinichaa Obbo Masfin Tashoomaa akka ENA’f ibsanitti, godinichatti misooma qamadii jallisiitiin raawwachuuf karoorri bal'aan qabamee gara hojii qabatamaatti galameera.

Bona kana godinichatti lafti hektaarri miiliyoona 1.1 misooma qamadii jallisiitiin misoomsuudhaan oomisha kuntaala miliyoona 40 ol argachuuf karoorfamuus ibsaniiru.

Qabeenya bishaanii godinichatti argamu fayyadamuudhaan jallisiidhaan lafa bal'aa facaasuuf karoorfamuun gara hojiitti galamuu ibsaniiru.


 

Laga Awwaash dabalatee boolla bishaanii gadi fagoo misooman fayyadamuudhaan qamadii jallisii bonaa oomishuuf hojjetamaa jira kan jedhan Obbo Masfin, motoroota bishaan harkisan kumaatamaan lakkaa'aman qonnaan bulaaf dhiyeessuu isaanii ibsaniiru.

motoroota bishaanii Keessattuu duraan harka qonnaan bulaa turanii fi jeneraarota bishaan harkisan haaraa dhiyeessuun karaa qindaa’een misooma kana raawwachuuf qophiin xumuramee gara hojiitti galameera jechuun ibsaniiru.

Galteewwan oomishaa fi oomishtummaa dabalan keessattuu xaa'oo biyyee, sanyii filatamaa fi xaa'oo uumamaa haala ga'aa ta'een dhiyeessuuf qophiin taasifamuu eeranii, yeroo ammaa kana xaa'oon biyyee qonnaan bulaaf dhiyaachaa jira jedhaniiru.


Karooricha milkeessuufis misooma kana kilaastaraan, makaanayizeeshiniidhaan, teeknolojii wal-fakkaataa fi galtee oomishaa dabaluu fayyadamuun kan raawwatamu ta'uu eeraniiru.

Kanaafis qonnaan bulaan guyyaa guyyaan qonna isaarratti ogeeyyiidhaan qophii maasaa irraa eegalee leenjii dandeettii fi deeggarsa ogeessaa walitti fufaa argachaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaanis sadarkaa sadarkaan hogganootni godinichaa, abbootni adeemsaa hojichaa, ogeeyyiinii fi hojjettootni buufata misoomaa deeggarsa guyyaa guyyaa fi hordoffii gochuun xiyyeeffannoon hojjechaa jiru jedhaniiru.

Yeroo ammaa kana godinichatti Aanaa Booraa fi Dugdaa dabalatee maasaawwan qamadii jallisii bonaa sanyiin facaafamuu eegaluu isaanii Obbo Masfin dabalanii

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015