Karoora of danda'uu milkeessuun miira yeroo hin qabneen hojjechuu gaafata." Dr. Rashaad Kamaal - ENA Afaan Oromoo
Karoora of danda'uu milkeessuun miira yeroo hin qabneen hojjechuu gaafata." Dr. Rashaad Kamaal
Onkololeessa 15/2019 (ENA) Karoora of danda'uu milkeessuun miira yeroo hin qabneen hojjechuu gaafata jedhan Sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantiitti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa
Dr. Rashaad Kamaal.
Sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantiitti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Dr. Rashaad Kamaal gamaaggama raawwii hojii paartiifi mootummaa naannoo Oromiyaa kurmaana 1ffaa irratti yaada kennaniin, karoora of-danda'uu haqaan milkeessuuf miira yeroo hin qabneen hojjechuu kan gaafatuu ta'uu himaniiru.
Yaadama haaraa tarsiimoo ce'uumsa diinagdee, hawaasummaafi siyaasaa milkeessuuf karoora of-danda'uu hojiirra oolchuun murteessaa ta'uu kan eeran Dr. Rashaad, kanaanis birmadummaa diinagdee mirkaneessuun fedhiifi gaaffii uummataa deebisuun imala biyyi keenya eegalte kan dhugoomsu ta'uu ibsaniiru.
Karoorri of-danda'uu, waggaa shaniif qabamee hojjetamaa jiruun, imala eegalame dhugoomsuun waadaa uummataaf galame kan itti deebii argatu ta'uu kaasuun, karoora of-danda'uutiin humna diinagdee biyyaa ijaaruu, kenna tajaajila uummataa fooyyessuu, carraa hojii uumuufi rakkoo bulchiinsa gaarii kan ittiin furamu ta'uus eeraniiru.
Gurmaa'insa haaraa gaggeeffamaa jiruunis walqabatee, riiformiin taasifamaa jiruun imala hirkattummaa keessaa bahuun tarkaanfii hiyyummaa gara badhaadhinaatti taasifamaa jiru ta'uu himuun, gurmaa'insi haaraan humna murteessummaa kanaan dura naannoorratti ture gara uummataatti gadi buusuun uummanni dhiheenyatti tajaajila barbaadu akka argatu taasisuun fedhiifi faayyaadamummaa uummataa mirkaneessuuf galtee guddaa ta'uu himaniiru.
Akka waliigalaatti, gamaaggama kurmaana 1ffaa gaggeeffamaa jiruun raawwii hanga ammaatti jiruun, akka Godina Kibba Lixa Oromiyaatti gaarii ta'uu kaasuun, hanqinaalee mul'atan kurmaana itti aanu keessatti furuun bu'aa caalu galmeessuuf kan hojjetamu ta'uu dubbataniiru.
Misooma koriidarii akka biyyaatti hojjetamaa jiru bu'uura godhachuun, iddoowwan gara garaatti babal'isuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu eeruun, milkaa'ina karoora xiiqii bu'uura godhachuun birmadummaa wabii nyaataa mirkaneessuu, humna guddaa akka godinaatti jiru gara diinagdeetti jijjiiruun, carraa hojii bal'aa uumuun akeeka karoora of-danda'uu milkeessuuf kan hojjetamu ta'uu Dr. Rashaad himaniiru.
TKO irraa