Tamsaasa Kallatti:

Eragaa Kantiibaa Adaanech Abeebee

Waaqni nu gargaare haagaltoomu!


 

Har'a qaama misooma qarqara laga Piikook-Enxooxoo kan ta'e, Qaccanee irraa hanga Ambasaadar fi Ireecha irraan gara Baambiisiitti kan diriirfame piroojektii misooma qarqara lagaa kabajamoo Ministira Muummee keenyaan eebbisiisnee tajaajila uummataaf banaa ta'eera.


 

Misoomni guddaan kun miidhagina Finfinnee, qulqullina jireenya jiraattota, gahuumsummaa tuurizmii magaalichaa fi sochii diinagdee kan guddisu hojii murteessaadha.

Qarqara laggeen keenya faalama, qullaa'uu uumamaa fi balaaf saaxilamummaa irraa baasuun, misooma magariisaaf, bashannanaaf, ispoortiif, daldalaaf fi walitti dhufeenya hawaasaaf bakkeewwan mijatoo uumaa jirra. Hojiin kun qabiyyee uumamaa laggeen keenya deebisuu irra dabree, magaalota keenya jiraattotaaf caalaatti mijattuu, hawwattuu fi jireenyaaf fooyyoftuu taasisaa jira.

Bu'aawwan Gurguddoo Pirojeektichaa:

Qaccanee irraa hanga Ambasaadar fi Irreecha hanga Baambiisitti kan diriirfame pirojektiin kun bal'ina heektaara 351 fi dheerina kiiloo meetira 10 kan uwwisu yoo ta'u, bu'uuraalee misoomaa ammayyaa fi tajaajila uummataa garaagaraa hammateera.


 

1. Eegumsa Uumamaa fi Naannoo

Eegumsa biyyee fi bishaanii, qulqullina lagaa, ittisa lolaa, babal'ifannaa bakkeewwan magariisaa fi hojiin miidhagina bifa hojjetamaniiru.

2. Bu'uura Misooma Daandii fi Miillaa Ammayyaa

• Daandii asfaalti kiiloo meetira 16;

• Daandii biskileetii kiiloo meetira 20;

• Daandii miillaa kiiloo meetira 22;

• Tiraaka fiigichaa kiiloo meetira 5;

• Riqichaalee konkolaataa 18;

• Riqichaaleen miilaa 23 ijaaramanii,kan duraaniis haaroomfamanii jiru.

3. Bakkeewwan Ispoortiif, Bashannanaafi Walitti Dhufeenya Hawaasaaf Qophaa'an

Pirojektichi wiirtuulee ispoortii fi fayyaa 12, dirreelee ispoortii ammayyaa, jiimnaaziyeemii fi dirreewwan fuutsaalii hammateera.

Dabalataanis:

• Bakkeewwan tapha ijoollee 21;

• Pilaazaa fi amfi-tiyaatira 15;

• Faawunteeniiwwanii fi agarsiisa bishaanii 8;

• Bakkeewwan garaagaraatti maneen fincaanii uummataa ijaaramaniiru.

4. Sochii Diinagdee fi Carraa Hojii Uumuu

Diinagdee magaalaa keenya guddisuuf, fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf fi carraawwan hojiin babal'isuuf kaafewwan 30 fi suuqonni 185 qophaa'aniiru. Tajaajilli baankiis hammatameera.

Jiraattota naannoo qarqara laggeenii jiraataniif jireenyaafi haala jireenyaa isaanii ilaalcha keessa galchuun giddugalli oomishaa, agarsiisaa fi gurgurtaa oomisha aadaa qophaa'eera. Dabalataanis oomisha qonnaa dhiyeessuufi gurguruuf kan dandeessisu giddugalli biraa hammatameera.

5.Bu'uura Misooma Bishaan, Dhangala'oo fi Bu'iinsa Lolaa

Yuutiliitiiwwan magaalaa ammayyeessuuf fi sirna dhabamsiisa dhangala'oo fooyyessuuf:

• Sarara bishaan qulqulluu kiiloo meetira 6;

• Sarara dhabamsiisa dhangala'oo kiiloo meetira 11;

• Sarara lolaa baasu kiiloo meetira 12;

• Hidhaalee gadi aanaa 5;

• Hidhaalee too'annoo yaa'a bishaanii 6;

• Wiirtuun bishaan qulqulleessu 3 ijaaramaniiru.

Bu'uuraaleen misoomaa kunniin qabeenya bishaan keenya eeguuf, balaa lolaa hir'isuuf fi fayyaaqabeessummaa naannoo fooyyessuuf gahee olaanaa qabaatu.

6. Bu'uura Misooma Geejjiba Itti Fufiinsa Qabuu fi Eegumsa Naannoof Qophaa'an

Jijjiirama qilleensaa dandamachuufi bakkeewwan dhaabbii konkolaataa mijatoo babal'isuuf bakkeewwan dhaabbii konkolaataa 22 fi giddugalli chaarjii konkolaataa elektirikii 8 ijaaramaniiru. Giddugaloonni kunnneen yeroo tokkotti konkolaattota 100 ol chaarjii gochuuf kan dandeessisaniidha.

7.Mallattoowwan Seenaa fi Aadaa Magaalaa Keenya Agarsiisan

Muuziyeemiin misooma qarqara lagaa fi " Siidaan gara maddaatti deebi'uu (Back to Origin)" moggaafame seenaa, aadaa fi barbaachisummaa qabeenya uumamaa magaalaa keenya mallattoowwan addaa agarsiisaniidha. Isaanis ijaaramuun tajaajilaaf qophaa'anii jiru.

Kaayyoon Misooma keenyaan jireenya namaa fooyyessuu dha jechuun ergaa fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin maxxansaniin ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015