Milkaa'ina Karoora Of-danda'uutiif Abbaan uummata bal'aadha" Dr. Mangistuu Baqqalaa - ENA Afaan Oromoo
Milkaa'ina Karoora Of-danda'uutiif Abbaan uummata bal'aadha" Dr. Mangistuu Baqqalaa
Onkololeessa 15/2019 (ENA) Milkaa'ina Karoora Of-danda'uutiif Abbaan uummata bal'aadha jechuun Sadarkaa Pirezidantii itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti , Bulchaa Godina Giddu Galeessaa Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqalaa ibsan.
Sadarkaa Pirezidantii itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, Bulchaa Godina Giddu Galeessaa Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqalaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, karoorri of danda'uu fedhii fi gaaffii uummataa kan deebisu akkasumas, fayyadamummaa uummataa sadarkaa olaanaan kan mirkaneessuu jedhan.
Mootummaan naannoo Oromiyaa Carraa guddaa naannichi qabutti fayyadamuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf Karoora of danda'uu hojirra oolchaa jiraachuu kan eeran Dr.Mangistuun,karoorichi qabamee hojjetamaa jiru pootenshaala Oromiyaan qabdu gara diinagdeetti jijjiiruun jiruufi jireenya hawaasa naannichaa kan fooyyessuudha jedhan.
Naannoon Oromiyaa qormaata keessaatti jijjiirama agarsiisaa jiruun qophaa'ummaan hooggansaa fi uummataa galma qabamee hojjetamaa jiruuf bu'uura jabaa ta'uu kaasaniiru.
Karoora of danda'uu galmaan gahuuf gahumsa,kaka'uumsaa fi qindoominni hooggansaa fi uummataa murteessaa ta'uufi ergama fudhate beekee hooggansi sirnaan hoogganuu,bulchuufi fayyadamummaa uummataa dhugoomsuun dirqama ta'uu ibsaniiru.
Riiformiwwaan waggoota muraasaa asitti gaggeeffamaa jiru,tajaajjilli gara uummataatti akka siqu taasisuun rakkoo uummataatif furmaatni kaa'amaa jiraachuu kan dubbatan Dr.Mangistuun,Kanaaf ammoo gurmaa'insi gandaa agarsiiftuu guddaa ta'uu eeraniiru.
Karoorri of-danda'uu carraa guddaa yoo ta'u,miira haaraa amma jiruun karoora hiixataa rakkoo uummataa furuu danda'uun jijjiirama eegalame galmaan gahuun murteessaa ta'uu ibsaniiru.
Raawwii hojii hanga ammaatti jiruun kaka'umsii jiru gaarii ta'us, yaadama karoora of danda'uutin yoo madaalamu hojiin guddaan kan hafu ta'uus eeraniiru.
Milkaa'inni hanga ammaatti mul'achaa jiru danda'uu keenya kan agarsiisudha malee pootenshaala Oromiyaan qabdu kan madaaluu akka hin taane ibsuun,jijjiirama mul'achaa jiru humna walootti fayyadamuun galma qabannee hojjechaa jirru kan milkeessuu fi caalmatti karooricha milkeessuuf humna namaa fi dilbii qabeenya uumaatti fayyadamuun birmadummaa diinagdee fi wabii nyaataa mirkaneessuun dhimma ijoo ta'uu Dr.Mangistuun yaadachiisaniiru.TKO irraa
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
See less