Tamsaasa Kallatti:

Raayyaan Ittisa Biyyaa qormaatawwan isa qunnamaan cichoominaa fi gootummaan kan mo’ate raayyaa injifannooti

Onkololeessa 15/2019 (ENA) Raayyaan Ittisa Biyyaa qormaatawwan isa qunnamaan cichoominaa fi gootummaan mo’achaa kan dhufe raayyaa injifannooti jedhan Ministirri Ittisa biyyaa Mahaammad Idriis.

Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI 119ffaan mata duree “Raayyaa Injifannoo” jedhuun qajeelcha Waliigala Raayyaa ittisa biyyaatti kabajamaa jira.

Sagantaa kana irratti itaamaajorshuumii waliigalaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa dabalatee, Itti aanaa Itti aanaa itaamaajorshuumii Raayyaa ittisa biyyaa Jeneraal Ababaaw Taaddasaa, Ministira Ittisa Biyyaa Mahaammad Idriis, Komishinara Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Damallaash Gabramikaa'eel, hogganoonni raayyan duraanii, attaasheewwan waraanaa biyyoota adda addaa fi keessummoonni afeeramani biroon argamaniiru.

Guyyaan Raayyaa kan kabajamu, seenaa Raayyaa Ittisa Biyyaa haala ammayyaawaa ta'een Onkololeessa 15/1900 hundaa’e sana yaadachuudhaani.

Guyyichi Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif Ministira Waraanaa bifa ammayyaan hundeessite yaadachuun, gootota alaabaa fi bilisummaa biyyaatiif jecha wareegama kafalan kan itti yaadatamudha.

Kaayyoonsaa seenaa isaanii isa boonsaa dhalootaa dhalootatti dabarsuudha.

Ministirri Ittisa Biyyaa Mahaammad Idriis wayita sana akka dubbatanti, Raayyaan Ittisa Biyyaa gaachana ummataa fi abdii biyyaati jedhaniiru.

Raayyaichi qormaatawwan hedduu cichoominaa fi gootummaan kan mo’ate raayyaa injifannoo ta’uu isaa ibsuun; Itoophiyaan qormaatilee hedduu ce’uun gara guddummaa isheetti adeemaa akka jirtu ibsaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa imala guddina walii galaa Itoophiyaa gumaacha ol’aanaa taasisaa akka jiru ibsuun, raayyaichi shira keessaa fi alaan xaxaman fashaleessuudhaan daangaa biyyaa fi nagaa ummataa eegsisaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.

Dandeettiin waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa sadarkaa amansiisaa irra akka jiru ibsuun; nagaa riijinichaa mirkaneessuu irrattis abdii ta’uu isaa qabatamaan agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

aggaammii kamiyyuu fashaleessuu kan danda’u wabii biyyaa ta’uu isaas eeraniiru.

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015