Raayyaan Ittisa Biyyaa Utubaa Jiraachuu Biyyaati - Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa - ENA Afaan Oromoo
Raayyaan Ittisa Biyyaa Utubaa Jiraachuu Biyyaati - Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Onkololeessa 15/2019 (ENA) Raayyaan Ittisa Biyyaa Utubaa Jiraachuu Biyyaati jechuun Itaamaajorshuumiin waliigalaa raayyaa ittisa biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsan.
Abbaay qabeenya uumamaa Itoophiyaa yoo ta’u, Galaanni Diimaanis Uumaan kan Itoophiyaaf tolcheefiidha jedhaniiru.
Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI 119ffaan mata duree “Raayyaa Injifannoo” jedhuun qajeelcha Waliiga Raayyaa ittisa biyyaatti kabajameera.
Guyyaan kun kan kabajamu, seenaa Raayyaan Ittisa Biyyaa haala ammayyaawaa ta'een Onkololeessa 15/1900 hundaa’e sana yaadachuudhaani.
Guyyichi Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif Ministira Waraanaa bifa ammayyaan hundeessite yaadachuun, gootota alaabaa fi bilisummaa biyyaatiif jecha wareegama kafalan kan itti yaadatamudha jedhaniiru.
Kaayyoonsaa kabaja guyyaa kanaas seenaa boonsaa kana dhalootaa dhalootatti dabarsuudhaaf ta’uu ibsaniiru.
Itaamaajorshuumiin waliigalaa raayyaa ittisa biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa wayita sana akka dubbatanti; Biyyoota dhaabbilee umurii dheeraa qaban ijaaran keessaa Itoophiyaan ishee tokkota’uushee ibsaniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa waggaa 119 lakkoofsise kun dhaabbata hangafa fi gameessa ta’uusaa dubbataniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa baandota biyya diigan lolaa akka jiru ibsuun; raayyaichi utubaa biyyaa ta’uu isaa eeraniiru.
TPLF ergamee hojjechuu kan amaleeffate abidda qabsiiseen kan gubate ta’uu ibsuun; gara michuu isaa Sha'aabiyaatti kan deeme, deebi’ee carraa kan hin qabne ta'uu dubbataniiru.
Dabalataanis Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Abbaay qabeenya uumamaa Itoophiyaa yoo ta’u, Galaanni Diimaanis Uumaan kan Itoophiyaaf tottolchee kenne ta’uu dubbataniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa humna amansiisaa Riijinichaa ta’uus ibsaniiru.
Sagantaa kana irratti qaamolee gumaacha adda addaa raayyaichaaf taasisaniif miseensummaa kabajaa raayyaa ittisa biyyaa kennameera.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
See les