Guyyaan Raayyaa Ittisa biyyaa FDRI 119ffaan kabajamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan Raayyaa Ittisa biyyaa FDRI 119ffaan kabajamaa jira
Onkololeessa 15/2019 (ENA) Guyyaan raayyaa ittisa biyyaa raayyaa FDRI 119ffaan mata duree “Raayyaa Injifannoo” jedhuun kabajamaa jira.
Itaamaajorshuumiin walii galaa Raayyaa ittisa biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa sagantaa kana irratti bulchiinsa hambaa fi agarsiisa Raayyaa Ittisaatiin qophaa’e eebbisuun bananiiru.
Sagantaa kana irratti itaamaajorshuumii waliigalaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa dabalatee, Itti aanaa Itti aanaa itaamaajorshuumii Raayyaa ittisa biyyaa Jeneraal Ababaaw Taaddasaa, Ministira Ittisa Biyyaa Mahaammad Idriis, Komishinara Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Damallaash Gabramikaa'eel, hogganoota raayyaa duraanii, attaasheewwan waraanaa biyyoota adda addaa fi keessummoonni afeeramani biroon argamaniiru.
Guyyaan Raayyaa kan kabajamu, Seenaa Raayyaan Ittisa Biyyaa haala ammayyaawaa ta'een Onkololeessa 15/1900 hundaa’e sana yaadachuudhaani.
Guyyaan ayyaana kanaa Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif Ministira Waraanaa bifa ammayyaan hundeessite yaadachuun, gootota alaabaa fi bilisummaa biyyaatiif jecha wareegama kafalan kan itti yaadatamudha.
Kaayyoon ayyaana kanaas gootummaa raayyichaa, gahee ol’aantummaa fi bilisummaa biyyaa eegsisuu irratti qabu fi seenaa isaanii isa boonsaa dhalootaa dhalootatti dabarsuudhaafi.