Tamsaasa Kallatti:

Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad

 

Har’a, misooma qarqara lagaa Qaccanee–Ambasaaddar–Giyoon-Irreecha–Baambiis eebbisiisuun tajaajilaaf oolchinee jirra.

misoomni kun bal’ina waliigalaa hektaara 351 fi dheerina kiilomeetira 10 qabu kun,pirojeektii guddaa mul’ata keenya Finfinnee ammayyaa, magariisa fi hunda-haammattuu taate ijaaruu gara dhugoomsuutti kan ceesisnu dha.

Daandiiwwan miilaa, daandiiwwan biskileetii fi bu’uuraalee misoomaa geejjibaa qindaa’an kan of keessatti hammate waan ta’eef, misoomni kun naannoo magaalattii caalaatti jireenyaaf mijataa fi salphaatti dhaqqabamaa ta’e uuma.


 

Bakkeewwan tapha daa’immanii, pilaazaawwan, amfi-teeyiraatara, bakkeewwan ispoortii, akkasumas agarsiisawwan bishaan bashannanaa fi qunnamtii hawaasaatiif carraawwan haaraa gumaachu.

Bakkeen dhaabbii konkolaattotaa fi wiirtuleen chaarjii konkolaattota elektriikiitti 8 yeroo tokkotti konkolaattota 100 ol chaarji gochuu danda’an dandeettii bu’uura dhiyeessii ammayyaa kanaa caalaatti cimsu.

Bulchiinsa lagaa, eegumsa biyyee fi bishaan, akkasumas bakkeewwan magariisa qarqara lagaatiin eegumsa naannoo jijjiirama magaalattii waliin qindeessaa jirra.


Akkaasumas misoomni koriideraa addaa kun carraawwan diinagdee haaraa uumuu dandeesisee jira.

Jiraattota kanaan dura qarqara lagaa sana irra jiraachaaf turaniif Gabaan qophaa’es oomishaalee harkaatiin uuman akka oomishan, agarsiisaa fi gurgurtaaf akka itti fayyadaman kan dandeessisu yoo ta’u, wiirtuun gurgurtaa oomisha qonnaa immoo oomishtoota qonnaa gabaa waliin walqunnamsiisa.

Mul’atni keenya dhaloota har’aa fi dhaloota dhufuuf magaalaa bareedduu qofa osoo hin ta’in, magaalaa oomishtuu, hunda-haammattuu fi ummata madaaltu ijaaruudha!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015