Tamsaasa Kallatti:

Paartiin Badhaadhinaa qormaatilee gara carraatti jijjiiree fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jira

Onkoloolessa 14/2019(ENA)-Paartiin Badhaadhinaa yaadama ida’amuu bu’uura taasifachuun qormaatilee gara carraatti jijjiiree fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jiraachuu Paartii badhaadhinaa damee Oromiyaatti itti gaafamaan damee Siyaasaa Obbo Namarraa Bulii dubbatan.

Obbo Namarraa Bulii gamaaggama raawwii hojii Mootummaa fi Paartii kurmaana 1ffaa naannoo Oromiyaa gaggeeffafaa jirurratti akka dubbatanitti, fedhiin diinota Itiyoophiyaa kallattii hundaan biyya keenya qormaata keessa tursuudha.

Haata’u malee Paartichi yaadamaa fi haala walii galaa giddu galeessa godhachuun hojii hojjechaa jiruun qormaatilee gara carraatti jijjiiruun fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jira jedhaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa waadaa filannoo marsaa 7ffaa gaggeeffameen mo’atee waadaa ummataaf gale qabatamaan mul’isaa jiraachuun ibsaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa dhimmoota gufuu yaadama ida’amuu fi misoomaa ta’an buqqisaa, yaadama Ida’amuu lafa qabsiisuuf hojii hojjetameen bu’aan gaarii aragamaa jira jedhaniiru.

Haala mijaawaa raawwii kararoora ofdanda’uuf uumuuf hojii hojjetamaa jiruunis hoggansa qormaatilee dandamatee, carraa argameen ummtasaa tajaajiluun badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessu horachuun dandaa’amuus ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015