Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti misooma qonnaa fi beeyiladaan hojiin bu'a qabeessi hojjetameera-Dr. Abdulaziiz Daawud

Onkoloolessa 14/2019(ENA)- Naannoo Oromiyaatti hanga kurmaana kanatti misooma qonnaa fi beeyiladaan hojiileen bu'a qabeessa ta'an hojjetamuu hogganaan biiroo maallaqaa Oromiyaa Dr. Abdulaziiz Daawud ibsan.


 

Gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana 1ffaa bara 2019 Naannoo Oromiyaa gaggeeffamaa jira

Naannoo Oromiyaatti hanga kurmaa kanaatti qophii biqila Bunaa fi qabeenya uumamaa, misooma avokaaddoo, dhiyeessii xaa'oo, sanyii falatamaa fi misooma beeyiladaa irratti sochiin taasifamaa ture gaarii ta'uu dubbataniiru.

 Qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa gara invastamtiitti ceesisuu fi oomisha albuuda al-ergii irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Dr. Abdulaziiz yaadachiisaniiru.


Misoomni Koriidarii Magaalotaa keessatti hojjetamaa jiru dinagdeetti jijjiiramuu akka qabu kaasuun, carraa misoomni koriidarii uume gara carraa hojii fi guddina dinagdeetti jijjiiruuf xiyyeeffannoo dabalataa kennuun hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015