Karoora of-danda’uu milkeessuuf Mootummaa qofa osoo hin taane, dameewwan dhuunfaafi hawaasa bal’aa hirmaachisuun murteessaadha- Dr. Abdii Yuuyyaa - ENA Afaan Oromoo
Karoora of-danda’uu milkeessuuf Mootummaa qofa osoo hin taane, dameewwan dhuunfaafi hawaasa bal’aa hirmaachisuun murteessaadha- Dr. Abdii Yuuyyaa
Onkololessa 14/2019(ENA): Gamaggama raawwii hojii Paartiifi Mootummaa Naannoo Oromiyaa kurmaana 1ffaa irratti, Hogganaan Biiroo Karooraafi Misoomaa Dr. Abdii Yuuyyaa gabaasa dhiyeessaniiru. Ibsa isaaniitiinis, Karoora Of-Danda’uu milkeessuudhaaf mootummaa qofa osoo hin taane, damee dhuunfaafi hawaasa bal’aa hirmaachisuun murteessaa ta’uu isaanii dubbataniiru.
Beekumsaafi ogummaa, teeknooloojii, anniisaafi bu’uuraalee misoomaa guddisuun dandeettii naannichaa cimsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu eeruun, karoora of danda'uu galmaan gahuuf, tarsiimoo karoorichaa hojirra oolchuu, diinagdee Gooroo irratti xiyyeeffachuun hojjechuu, dameewwan diinagdee babal'isuu, oomishaafi oomishtummaa qonnaa tarsiimoon hoogganuun murteessaa ta'uus kaasaniiru.
Diinagdee dam-daneessaafi dorgomaa beekumsaan hogganamu Ijaaruun guddina ariifachiisaa, tasgabbii gatiifi madaala fiiskaalaa fulla'aa mirkaneessuu, qonnaafi diinagdee baadiyyaa ceesisuu, Invastimantii, Induustiraalummaafi dandeettii manufaakchariingii guddisuu akka ta'e gabaasa dhiyeessaniin ibsaniiru.
Diinagdee albuudaafi tuuriizimii dorgomaa ijaaruu, teeknooloojiifi dijitaalessummaa babal’isuu, akkasumas magaalummaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuun murteessaa dha. Dabalataanis, misooma qabeenya namaa, qulqullina barnootaa fooyyeessuu, haaromsa aadaa fi sirna wabii hawaasummaa cimaa ijaaruun murteessaa ta’uun eerameera.
Kana malees dhiyeessiifi dhaqqabummaa tajaajila bu'uuraa guddisuun nageenya mirkaneessuufi dandeettii hogganummaa guddisuu, bulchiinsa mootummaa ammayyeessuun dhimmoota akkaan barbaachisoo ta'uus gabaasa kanaan himaniiru.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links