Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Moozaambiik Daanieel Chappoo waliin mari’atan

Onkoloolessa 14/2019 (ENA) - Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Moozaambiik Daanieel Chappoo waliin mari’ataniiru.

Ministirri muummee dhaasmsa dhaamaniin, yaa’iin nageenya Afriikaa olaanaa fi 12ffaan kan ta’e Foramii Xaanaa eegaluun duratti, pirezidaantii Moozaambiik Daani’eel Chaapon gammachuun simachuusaanii ibsaniiru.

Dhimmoota tumsa keenya cimsuu fi faayidaalee waloo guddisuun haala danda’amurratti marii gam lamee gaggeessuusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015