Mootummaan ida'amuu yaadama haaraan biyya guddoo, mul'ata guddaa qabdu ceesisuuf hojjechaa jira - Obbo Shimallis Abdiisaa - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan ida'amuu yaadama haaraan biyya guddoo, mul'ata guddaa qabdu ceesisuuf hojjechaa jira - Obbo Shimallis Abdiisaa
Onkoloolessa 14/2019(ENA): Mootummaan ida'amuu yaadama haaraan biyya guddoo, mul'ata guddaa qabdu ceesisuuf hojjechaa jira jedhan pireezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.
Gamaggamni raawwii hojii Paartiifi Mootummaa Naannoo Oromiyaa kurmaana 1ffaan kan bara 2019 guyyaa har'a Magaalaa Bishooftuu Galma Harsadeetti gaggeeffamaa jira.
Obbo Shimallis haasawaa baninsaa taasisaniin, Mootummaan ida'amuu yaadama haaraan biyya guddoo, mul'ata guddaa qabdu ceesisuuf hojjechaa jira jedhani.
Yaadamni Nootummaan ida'amuu hojirra oolchaa jirru, yaadama sirriifi ce'uumsa biyyaa toora hundaan dhugoomsu ta'uusaa raawwiin hojii waggootan darban keessatti mul'ate agarsiiftuu milka'ina kanaa ta'uu dubbataniiru.
Milkaa'inoota waggoottan darbaan keessatti galmaa'eef, kaka'uumsi hooggansaafi hirmaannaa uummataa bu'aan argameef buu'uura jabaa ta'uu kaasuun, kurmaana darbe keessatti hojii guddaan hojjetamaa kan ture ta'us dubbataniiru.
Akka hanqinaatti, qabeenya naammoon Oromiyaan qabdu beekanii hoogganuu dhabuu, Carraa yeroo ammaa uummanni keenya argatetti sirnaan fayyadamuu dhabuu mul’ateera jedhan.
Akkasumas kenna tajaajilaa hanga barbaadamuun fooyyessuu dhabuufi qaali'iinsa jireenyaa dhimmoota ijoo irratti hojjetamuu qabu akka ta'e ibsaniiru.
Karoora of danda'uu qabamee hojiira oolchuun Oromiyaa ijaaruu,nagaaf tasgabbii biyyaa waaressuuf, Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota gurguddaa qabatee hojjechaa jirachuus eeraniiru.
Hooggansi sadarkaan jiru humnoota sadan,humna badhaadhina maatii milkeessuu, galii mootummaa naannoo Oromiyaa milkeessuu fi humna waloo hojiirra oolchuu fi qormaatilee maqsuun milkaa'ina galmeessuun dhimmoota ijaa kallattii gara fuula duraa ta'uu ibsaniiru.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links