Mootummaan Naannoo Oromiyaa karoora of danda'uu qopheessee hojiitti galeera -- Obbo Kaffaaloo Tafarraa - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Naannoo Oromiyaa karoora of danda'uu qopheessee hojiitti galeera -- Obbo Kaffaaloo Tafarraa
Onkoloolessa 14,2019(ENA)-Mootummaan Naannoo Oromiyaa karoora of danda'uu qopheessee hojiitti galeera jedhan, Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Caffeetti Bakka Bu'aan Mootummaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa.
Gamaggamni raawwii hojii Paartiifi Mootummaa Naannoo Oromiyaa kurmaana 1ffaan kan bara 2019 guyyaa har'a Magaalaa Bishooftuu Galma Harsadeetti geggeeffama jira.
Obbo Kaffaaloon akka jedhanitti, Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddina karoora xiiqii keesatti argame saffisiisuufi babal'isuufi karoora of danda'uu qopheessee hojiitti galeera.
Yeroo guutummaatti hojiitti jijjiiramu, badhaadhina hunda galeessa uummataa mirkaneessee, guddina akka waliigalaatti qabame galmaan kangeessisudhas jedhan.
Riiformii gurmaa'insa Naannoo Oromiyaa milkaa'ina olaanaan akka raawwatamuuf ga'een Hooggansa olaanaa tures jedhan.
Kurmaana 1ffaa bara Karoora ofdanda'uu kanaan bu'aan hedduun kan argame ta'uus, harcaatiiwwan mul'atan ammoo xiyyeeffannoon furuuf barbaachisa jedhan.
Kanaafis maalummaa karoora ofdanda'uu beekuufi beeskisaa deemuun, hooggansi cimanaalee fi hanqinaalee jiran adda baasuun, galtee fuula duraa godhachuun hojjechuun baay'ee barbaachisaadhas jedhan.