Tamsaasa Kallatti:

Birmadummaa biyyaalessaa karaa dhaabbilee ciccimoon

Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa; utubaa birmadumaa, gaachana nageenya ummataa, eegduu dantaa biyyaalessaa

Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa

Guddinni biyyaa mul’ata isheen qabatte qofaan osoo hin taane dhaabbilee, mul’ata ishee galmaan kan gahan dhaabbilee ciccimoofi amanamoo yoo qabaattedha.

Itiyoophiyaan biyya guddoo, ummata guddaa fi mul’ata guddaa qabdu, bu’uura jabaa irratti dhaabbilee amanamoo ijaaruun kaayyoo misooma, nagaa fi badhaadhina barbaadame galmaan ga’uuf jirti. Keessattuu dhaabbileen nagaa eegsisan, nageenya mirkaneessu; olaantummaa seeraa diriirsaniifi mirga lammiilee kabajuun bu’uura ijoo guddina biyyaati.

Itiyoophiyaan mul’ata guddaa qabduun walsimsiisuun dhaabbilee nageenyaa guddummaa ummata isheetiif malu ijaaraa jirti. Guddinni Itiyoophiyaa fi ummata ishee kan madaalamu tarkaanfii qabatamaa nagaa eeguu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi dhaabbilee ishee beekumsa ammayyaa fi ogummaan cimsuuf fudhattudha.

Tarkaanfiiwwan haaromsa dhaabbilee mootummaan ida’amuu fudhate nageenyaa fi amantaa lammiilee eeguu, yakka ittisuu, waldhabdee furuu fi haqaan tajaajiluu irratti dandeettii bu’a qabeessa ta’e ijaaruuf kan akeekedha. Haala kanaan misooma humna namaa, leenjii ogummaa, xiinxala odeeffannoo, dandeettii hoggansa, itti fayyadama teeknooloojii fi qophii loojistikii ijaareera. Aadaa hojii dhaabbilee ajaja fudhachuu fi dabarsuu irraa gara rakkoo furuu, murtee ragaa irratti hundaa’ee fi fooyya’iinsa raawwii hojii itti fufiinsa qabuutti ceesisuuf xiyyeeffannoon kennameera.

Itiyoophiyaa keessatti, oomisha teeknooloojii diroonii dabalatee dandeettii teeknooloojii ittisa biyya keessaa guddisuuf tattaaffiin taasifamu qaama karoora yeroo dheeraa qorannoo, injinariingii, guddina ogummaa, fi industirii irratti xiyyeeffate keessaa tokkodha. Kunis Itiyoophiyaan hirkattummaa teeknooloojii biyya alaa irratti qabdu hir’isuun dandeettii kalaqaa mataa ishee akka guddifattu carraa ni uuma.

Dandeettiin humna qilleensaa fi lafaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, eegumsa bu’uuraalee misoomaa ‘INSA’, sirna odeeffannoo Tajaajila Nageenya Biyyaalessaa fi haaromsi dhaabbilee nageenya federaalaa fi naannoolee, bu’uuraalee ijoo biyya cimaa ijaaruuti.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015